“Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga
Umar bin Al-Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:
“Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga”, Umar akkana jedhe: Rabbiin kakadhe, ergan Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan kakuu kana irraa dhoorgan dhagahee beekes ta'ee nama irraa himus ta'ee ittiin kakadhee hin beeku.
«إِنَّ اللهَ عَزَّ وَجَلَّ يَنْهَاكُمْ أَنْ تَحْلِفُوا بِآبَائِكُمْ»، قَالَ عُمَرُ: فَوَاللهِ مَا حَلَفْتُ بِهَا مُنْذُ سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ نَهَى عَنْهَا ذَاكِرًا وَلَا آثِرًا.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e abbootii ofiitiin kakachuu akka dhoorgu himani, kanaafuu namni kakachuu barbaade Rabbi qofaan kakata malee waan Isa malee jiruun hin kakatu. Eegasii umar bin Al-Khaxxaab -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- eega Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sana irraa dhoorgan dhagahee beekaatis ta'ee nama biraa irraa waan Rabbiin malee jiruun kakachuu himuunis ta'ee akka ittiin hin kakatin dubbate.
ذاكِرًا: عامِدًا.
آثِرًا: حاكِيًا عن غَيْرِي أنَّه حَلَفَ بها.
Waan Rabbiin malee jiruun kakachuun haraama ta'uudha, addatti abbootii ofiitiin kakachuu ibsuun immoo waan inni aadaa jaahiliyyaa irraa ta'eefi.
Kakuu jechuun: Dhimma dhimmoowwan irraa ta'e wahii gadi jabeessuuf jecha Rabbiin yookaan maqoowwan Rabbiitiin yookaan sifoowwan Rabbiitiin kakachuudha.
Sadarkaa Umari -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- sababaa dafee waan sana irraa dhoorgamuu isaatiin, akkasumas hubannoo gaarii qabaachuu isaatii fi of eeggannoo gochuu isaatif jecha.
Sahiiha Bukhaarii (8/ 132) (6647).
Sahiiha Muslim (3/ 1266) (1646).
Dabalata (4)
تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.
للبسام (ص684).
الإلمام بشرح عمدة الأحكام.
لإسماعيل الأنصاري (2/ 134).