Skip to content

Inni duuniyaa keessatti miila lameeniin isa deemsise guyyaa qiyaamaatti fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeettii hin qabuu?

qataadaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isaaf haa araaramu- ni jedhe:

Anas ibnu maalik akka nuuf odeessetti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- namtichi tokko akkana jedhe: yaa nabiyyii Rabbii! kaafirri akkamitti fuula isaatiin kaafama?, nabiyyiinis ni jedhani: «Inni duuniyaa keessatti miila lameeniin isa deemsise guyyaa qiyaamaatti fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeettii hin qabuu?» qatadaanis ni jedhe: guddinni Rabbii keenyaa natti haa ta'u lakki dandeettii qaba.

حَدَّثَنَا ‌أَنَسُ بْنُ مَالِكٍ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ أَنَّ رَجُلًا قَالَ: يَا نَبِيَّ اللهِ كَيْفَ يُحْشَرُ الْكَافِرُ عَلَى وَجْهِهِ؟ قَالَ: «أَلَيْسَ الَّذِي أَمْشَاهُ عَلَى الرِّجْلَيْنِ فِي الدُّنْيَا قَادِرًا عَلَى أَنْ يُمْشِيَهُ عَلَى وَجْهِهِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ؟» قَالَ قَتَادَةُ: بَلَى وَعِزَّةِ رَبِّنَا.

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kaafirri guyyaa qiyaamaa fuula isaatiin akkamitti kaafama?! jechuu irraa gaafatamanii, akkas jechuun deebisani: inni duuniyaa keessatti miila lamaan irratti isa deemsise guyyaa qiyaamaa fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeettii hin qabuu?! Rabbiin waan hunda irratti danda'aadha.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

fuula isaatiin deemuun xiqqeenya kaafirri guyyaa qiyaamaatti xiqqaatu.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 109) (6523).

Sahiiha Muslim (4/ 2161) (2806).

Dabalata (4)

الإفصاح عن معاني الصحاح (5/200).

فتح الباري (11/382).

عمدة القاري شرح صحيح البخاري (23/ 105).

البحر المحيط الثجاج في شرح صحيح الإمام مسلم بن الحجاج (43/ 454).