Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

11 of 559 cards

Clear filters
"Ani hawdii irra taa'een nama isin irraa gara koo dhufu ilaala, namootni gariin anaa gaditti qabamu, anis nan jedha: yaa Rabbi (isaan) ana irraati ummata koo irraati, eegasii ni jedhamaan: waan isaan booda keetii hojjatan ni beektaa?, Rabbiinan kakadha (amantaa) isaanii irraa deebi'uu irraa boodatti hin jenne".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Rabbiin toltuu tokkollee mu'umina hin miidhu, duuniyaatti isiidhaan kennama, aakhiratti immoo isiidhaan mindeeffama, kaafirri immoo toltuuwwan Rabbiif jecha hojjateen duuniyaatti nyaachifama, yeroo gara aakhiraatti ce'etti, toltuun isiidhaan mindeeffamu isaaf hin jiru".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuse, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa".
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
«Warra Jannataa isinitti hin himuu? Nama of gadi qabu kan namni isa tuffatu hunda, osoo Rabbiin irratti kakatee Rabbiin kaka isaa sana isaaf guuta. Warra ibiddaa isiniitti himuu? nama safuu hin qabne, kan of tuulu, kan haqa diduun boonu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira turree, halkan tokko -isheen halkan kudha afraffaati- gara ji'aa ilaalanii, akkas jedhan: "Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kanaa argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan. Yoo salaata osoo aduun hin bahinii fi osoo hin lixinii irratti moo'atamuu dhabuu dandeessan, hojjadhaa, eegasii ni qara'an: "{Osoo aduun hin bahinii fi osoo aduun hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Abbaan warqii fi meetii kan waan irraa kaffaluun dirqama ta'e kan hin kaffalle guyyaa Qiyaamaa gabateen ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu, ibidda Jahannam keessatti ishee irratti oo'ifama, cinaachi isaa, addi isaa fi dugdi isaa isheedhaan gubama, yeroo qabbanaa'e hunda deebi'ee isaaf oo'ifama, guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantamatti lakkaa'amu keessatti akkasitti tura, hanga jidduu gabrootatti murtiin godhamee, karaa isaa gara Jannataa ykn gara ibiddaa ta'uu argutti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti".
Sahiiha Tirmiziitu gabaase