3 : 181
لَّقَدۡ سَمِعَ ٱللَّهُ قَوۡلَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ فَقِيرٞ وَنَحۡنُ أَغۡنِيَآءُۘ سَنَكۡتُبُ مَا قَالُواْ وَقَتۡلَهُمُ ٱلۡأَنۢبِيَآءَ بِغَيۡرِ حَقّٖ وَنَقُولُ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلۡحَرِيقِ
Dhugumatti Rabbiin jecha warra “Rabbiin hiyyeessa; nuti dureeyyiidha” jedhanii dhagayeera. Waan isaan jedhaniifi ajjeechaa isaan nabiyyoota irratti haqaan ala raawwatanis ni barreessina. “Adaba (ibidda) gubaa dhandhamaa” isaaniin jenna.