Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga {Bismillaahi al-rrahmani al-rrahiim} jechuun isaan irratti buufamutti qooddaa suuraa hin beekan turani.
Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga {Bismillaahi al-rrahmani al-rrahiim} jechuun isaan irratti buufamutti qooddaa suuraa hin beekan turani.
كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَليهِ وَسَلَّمَ لا يَعْرِفُ فَصْلَ السُّورةِ حَتَّى تَنْزِلَ عَليْهِ {بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ}.
ibnu abbaas -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- suuraawwan qur'aanaa akkasumaan nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka bu'aa turtee fi akkasuma qooddaa isiitii fi xumura isii illee akka isaan hin beekne ibse, akkasumas booda "bismilaahi al-rrahmaan al-rrahiim" jechuun isaan irratti buufamtee jennaan suuraan darbite xumuramuu isii fi bismillaan immoo suuraa haarawaaf jalqabbii ta'uu isii isiidhaan akka adda baafatan ibse.
...:
basmalaan suuraa anfaalii fi suuraa tawbaan ala suuraawwan jiran gidduu ittiin adda baafama.
Sunana Abbaa Daawuud (2/ 91) (788).
Dabalata (3)
شرح سنن أبي داود للعباد (102/ 15).
التنوير شرح الجامع الصغير (8/503).
عون المعبود (2/353).