Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yeroo tokko tokko wuduu’a godhatan.
Ibnu Abbaas irraa odeeffame, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu akkana jedhe:
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yeroo tokko tokko wuduu’a godhatan.
تَوَضَّأَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ مَرَّةً مَرَّةً.
Yeroo tokko tokko Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wuduu’a yeroo godhatan qaama wuduu’aa hunda yeroo tokko tokko kan dhiqatan ta'an, fuula ni dhiqatan -isuma irraayi lulluuqachuu fi bishaan funyaan keessa ol galchanii gadi deebisuun- akkasumas harka lamaani fi miila lamaan yeroo tokko tokko ni dhiqatan, isa kanaatu wuduu'a irraa hanga dirqama ta’eedha.
...:
Qaamolee wuduu'aa dhiqachuu keessatti dirqamni yeroo tokko qofa, wanni kana irratti dabalame jaalatamaadha.
Yeroo garii wuduu’a yeroo tokko tokko godhachuun akka danda'amuudha.
Mataa haxaa'uun yeroo tokko qofa hayyamama.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 43) (157).
Dabalata (1)
إرشاد الساري لشرح صحيح البخاري (1/ 244).