"Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha", ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii isiinuu geessuu kan taate turtee mitii. isaanis: "(ibiddi jahannam ibidda lafaa irra harka jahaatamii sagaliin caalchifamtee jirti, hundi isiituu akka gubaa ibidda lafa irraati".
«نَارُكُمْ جُزْءٌ مِنْ سَبْعِينَ جُزْءًا مِنْ نَارِ جَهَنَّمَ»، قِيلَ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، إِنْ كَانَتْ لَكَافِيَةً. قَالَ: «فُضِّلَتْ عَلَيْهِنَّ بِتِسْعَةٍ وَسِتِّينَ جُزْءًا كُلُّهُنَّ مِثْلُ حَرِّهَا».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ibiddi duuniyaa ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokko akka ta'e himan, Ibiddi aakhiraa humni gubaa isii gubaa ibidda duuniyaa irra qooda jaatamii sagaliin caalti, qoodni hunda isiituu gubaa ibidda duuniyaatiin wal qixxaata. Yaa ergamaa Rabbii ibiddi duuniyaatuu nama isii keessa seenu adabuuf geessuudha jedhame, Ergamaanis ni jedhan: ibiddi jahannam ibidda duuniyaa irra qooda jaatamii sagaliin caalchifamte, hundi isiituu jabina gubaa isiitiin akka ibidda duuniyaati.
...:
ibidda irraa nama sodaachisuutu keessa jirra hojii gara isiitti nama geessu irraa isaan fageessuuf jecha.
ibiddi jahannamii fi adabbiin isii guddoo ta'uu, akkasumas gubaan isiis jabaa ta'uu.
Sahiiha Bukhaarii (4/ 121) (3265).
Sahiiha Muslim (4/ 2184) (2843).
Dabalata (4)
المفهم (7/178).
التوضيح (19/177).
عمدة القاري شرح صحيح البخاري (15/ 165).
فتح الباري لابن حجر (6/ 334).