Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

67 of 559 cards

Clear filters
«Toltuun: haala gaariidha, badiin immoo: waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni isarratti si beekuu jibbiteedha».
Sahiiha Hadiisa tokkoffaa: Muslimtu gabaase, hadiisa lammaffaa immoo: Ahmad fi Daarimiitu gabaasan.
«Waa afur namni isa keessatti argame munaafiqa tahe, isaan keessaa wanti tokko namni isa keessatti argame hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'e: nama yeroo dubbatetti kijibu, yeroo beellametti diigu, yeroo falmetti daangaa dabruu fi yeroo waadaa (irbuu) seenetti ganu».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
"Rabbiin jannataa fi ibidda yeroo uumetti Jibriiliin -nagaan isarra haa jiraatu- gara jnnataatti ergee, akkas jedhe: gara isiitii fi gara waanan isii keessatti worra isiitiif qopheessee ilaali. isii ilaalee eegasii deebi'uun akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokko isii dhag'ee isii seenu malee hin hafu. eegasii isitti ajajee waan jibbamaan marfamte, eegasii gara isii deemiitii isiidhaa fi gara waanan worra isiitiif isii keessatti qopheessee ilaali. gara isii ilaalee, yeroo inni argu isiin waan jibbamaan marfamtee jirti, eegasii ni jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokkoyyuu isii seenuu dhabuun dhugumatti sodaadhe. ni jedhe: deemi gara ibiddaa fi gara waanan worra isiitiif isii keessatti qopheessee ilaali. gara isii ilaalee yeroo jedhu isiin gariin isii garii isii yaabbata, eegasii deebi'uun akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokkoyyuu isii hin seenu. eegasii isiitti ajajee feedhiiwwaniin marfamte, eegasii ni jedhe: gara isiitti deebi'ii isii ilaali. isii ilaalee yeroo jedhu dhugaatti fedhiiwwaniin marfamtee jirti, eegasii deebi'ee akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha dhugaatti namni tokkoyyuu isii irraa akka hin baraaramnee fi isii seenu malee akka hin hafnen sodaadhe".
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafa tokko minbara irra taa'anii nutis isaan bira osoo taa'aa jirruu, akkana jedhan: «Ani booda kootii waanin isiniif sodaadhu keessaa tokko daraaraa fi faayni addunyaa isininitti banamuudha» namni tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii wanti Gaariin waan hamaa ni fidaa? Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- callisanii jennaan, namichaan akkana jedhame: Maaltu si mudate? Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni dubbiftaa isaan si hin dubbisan? (Wahyiin) kan itti buufamu ta'uu argine, eegasii dafqa of irraa haxaa'anii akkas jedhan: «Namichi gaafii dhiheesse eessa jira» akka waan Alhamdulillaah jedhaniiti, eegasii akkas jedhan: «wanti gaarin hamaan hin dhufu, dhugumatti waan birraan biqilchu keessaa kan ajjeesu ykn kan du'atti dhiheessu jiraachuu danda'a, ishee magariisa nyaattu malee, Hanga kaleen ishee lamaan diriirutti nyaattee booda gara aduutti garagaltee udaantee fincaantee, dheedde, qabeenyi kun magariisaa fi mi'aawaadha, qabeenyi muslimaa kan irraa miskiinaf, yatiimaa fi nama karaa deemuuf kennu waa tolee, ykn akkuma Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jedhan, Namni haqa isaatin malee isa fudhatu akka nama nyaatee hin quufneti, guyyaa qiyaamaa immoo irratti ragaa ta'a».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabrii wahii lama bira dabranii, akkana jedhan: “Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e" eegasii muka jiidhaa wahii fuudhanii isa bakka lamatti qoodanii, hunda qabrii irra tokko gadi dhaaban, ni jedhan (sahaabonni): " yaa ergamaa Rabbii maalif kana hojjatte?, isaanis ni jedhan: “waan mukni lameen kun hin goggoginiin Rabbiin isaan lameen irraa adabbii salphisuudhan kajeela".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Yaa jama'aa dubartoota sadaqaa kennadhaa, ani irra caalaan namoota ibiddaa ta'uun isin arge» isaanis ni jedhan: yaa ergamaa Rabbii! maalini? isaanis ni jedhan: «isin abaarsa baay'ifu, abbaa warraa keessaniif galata hin qabdan, nama hanqina sammuu fi amantii osoo qabuu onnee ilma dhiiraa kutataa booj'u kan akka keessanii hin argine» isaanis ni jedhan: yaa ergamaa Rabbii, maali hanqinni amantii fi sammuu keenyaa? Isaanis akkana jedhan: ragaan dubartii tokkaa akka walakkaa ragaa dhiira tokkoo hin taanee?» ni jedhan: Eeyyee, ni isaanis ni jedhan: suni eegaa hanqina sammuun isheeti, yoo laguu qabaatte hin salaattu, hin soomtu mitii?» ni jedhan: Eeyyee, suni ammoo hir'ina amantii isheeti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Rabbiin ol ta'e ni jedhe: yaa ilma Aadam hanga ati ana kadhattee ana kajeeltetti badii ati qabduu woliinan siif dhiisa homaas bakka itti hin kennu, yaa ilma Aadam badiin kee duumessa samiillee kan qaqqabu ta'ee eegasii araarama narra barbaaddee araaraman siif godha, homaas bakka itti hin kennu, yaa ilma Aadam ati badii dachii guutuu ka'een natti dhuftee eegasii woma tokkollee kan natti hin qindeessine taate na qunnamtee, badii dachii guutuu ka'eef araaraman siif godha».
Hasani Tirmiziitu gabaase
ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatattii suuraa aala-imraan keessaa akkas jettu {inni isa sirratti kitaaba buuse isa irraa keeyyata ifaatu jira, isaan bu'uura kitaabaati, kan biraa immmoo wol fakkaattuudha, worri onnee isaanii keessa jallinni jiru fitnaa barbaachaa fi hiika isaa isa dhokataa barbaachaaf jecha isa wol fakkaataa hordofu, hiika isaa isa dhokataa Rabbiin malee homtuu hin beeku, worri beekumsa keessa fagaatan immoo "hunduu Rabbii keenya biraayyi itti amanne" jedhu, worra sammuu qabu malee namni biraa hin gorfamu} [suuraa aala-imraan: 7]. Aa'ishaanis akkas jette: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- itti fufuun akkas jedhani: «yeroo worra isa irraa waan wol fakkaate hordofu agarte isaani worri Rabbiin jedhe, isaan irraa of eeggadhaa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan