Skip to content

Muslima ta’uu barbaadeen gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, bishaanii fi baala sidriitin akkan dhiqadhu na ajajan.

Qeys Bin Aasim irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu ni jedhe:

Muslima ta’uu barbaadeen gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, bishaanii fi baala sidriitin akkan dhiqadhu na ajajan.

أتيتُ النبيَّ صلى الله عليه وسلم أُريدُ الإسلامَ، فأَمَرَني أن أغتَسِلَ بماءٍ وسِدرٍ.

Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Muslima ta’uu barbaadee Qeys bin Aasim gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bishaanii fi muka sidriitin akka dhiqatu isa ajajan; sababni isaas baalli isaa qulqulleessuuf waan ooluu fi urgaa gaarii waan qabuuf jecha.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Nama kaafiraa kan amma Islaamummaa seenuf dhiqachuun karaa ta'uudha.

Islaamummaan qaamaa fi ruuhii ilma namaatif akka kabajaa fi eddoo kenneedha.

Bishaan wantoota qulqulluu wajjin walitti makuun qulqulluu ta’uu irraa hin baasuudha.

Wantoonni qulqullina ittiin eeggatan ammayyaa kan akka saamunaa fi kan kana fakkaatan muka sidrii bakka bu'uu akka danda'aniidha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (1/ 266) (355).

Sunana Tarmizii (1/ 595) (605).

Sunana Nasaa'ii (1/ 109) (188).

Dabalata (3)

معالم السنن (1/111).

ذخيرة العقبى (4/131).

شرح سنن أبي داود للعباد (54/ 10).