Skip to content

"Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi".

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mana koo kana keessati akkas jedhuun dhaga'e:

"Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi".

«اللَّهُمَّ مَنْ وَلِيَ مِنْ أَمْرِ أُمَّتِي شَيْئًا فَشَقَّ عَلَيْهِمْ فَاشْقُقْ عَلَيْهِ، وَمَنْ وَلِيَ مِنْ أَمْرِ أُمَّتِي شَيْئًا فَرَفَقَ بِهِمْ فَارْفُقْ بِهِ».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hunda nama dhimmoota muslimootaa irraa dhimma tokko irratti muudamee xiqqaas ta'ee guddaa, muudamni kun muudama walii galaas ta'ee yookaan muudama hanga murtaa'e tokkos haa ta'uu, yoo isaanitti laaffisuu dhiisee rakkina, gadadoo fi dhiphina isaanitti galche, Rabbiin ol ta'e fakkaataa hojii isaatiin isa irratti dhiphisuun galata akka isaaf galchu irratti kadhatan. Namni isaanif laphee baatee dhimmoota isaaniis laaffiseef Rabbiin isatti laaffisee dhimmoota isaas akka isaaf laaffisu kadhataniif.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Namni dhimma muslimootaa irraa waan tokko irratti muudame hanga danda'een isaanitti laaffisuun isa irratti dirqama.

Mindaan fakkaataadhuma hojiitiidha.

Madaalliin laaffisuu irraa yookaan dhiphisuu irraa waan ilaalamuu inni Qur'aanaa fi Hadiisa waan hin faallessiniini.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (3/ 1458) (1828).

Dabalata (6)

فتح ذي الجلال والاكرام بشرح بلوغ المرام.

لابن عثيمين (6/ 367).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 224).

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

للبسام (7/ 419).