«Namni wuduu'a godhatee wuduu'a isaa bareeffate hanga qeensa isaa jalaan ba'utti badiin isaa qaama isaa keessaa ba'a».
Usmaan ibnu Affaan irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni wuduu'a godhatee wuduu'a isaa bareeffate hanga qeensa isaa jalaan ba'utti badiin isaa qaama isaa keessaa ba'a».
«مَنْ تَوَضَّأَ فَأَحْسَنَ الْوُضُوءَ خَرَجَتْ خَطَايَاهُ مِنْ جَسَدِهِ حَتَّى تَخْرُجَ مِنْ تَحْتِ أَظْفَارِهِ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni sunnaa wuduu'aa fi namuusa isaa eeggatee wuduu'a godhate, sun sababaa badiin ittiin haqamuu fi diliin dhiifamuu akka ta'e himani, hanga badiin isaa qeensa isaa miilaa fi harka isaa lamaan jalaan ba'utti.
...:
Sunnaa fi namuusa wuduu'aa barachuu irratti xiyyeeffachuu fi isaatti hojjachuutti kakaasuutu keessa jira.
Sadarkaa wuduu'in qabuudha, inni badiiwwan xixiqqoo haqa, gurguddaan immoo irraa toobachuun dirqama.
Ulaagaan badiin nama irraa ba'uu wuduu'a guutuu fi akka nabiyyiin ibsanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- osoo hin hir'isin wuduu'a godhachuuni.
Hadiisa kana keessatti badiin haqamuun badii gurguddaa irraa fagaachuu fi isa irraa toobachuun daanga'a. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: (Yoo badii gurguddoo irraa dhorgamtan irraa fagaattan, badii(xixiqqaa) keessan isin irraa haqna) [Annisaa: 31].
Sahiiha Muslim (1/ 216) (245).
Dabalata (6)
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (5/ 9).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمصطفى الخِن وغيره (2/ 763).
بهجة الناظرين.
سليم الهلالي (2/ 247).
Cited in books
8 BooksDabalata (7)
- المختصر المفيد للمسلم(من توضأ فأحسن الوضوء خرجت خطاياه من جسده حتَّى تَخْرُجَ مِنْ تحتِ أَظفارِهِ)
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“من توضأ فأحسن الوضوء خرجت خطاياه من جسده حتى تخرج من تحت أظفاره”.
- خطب تعظيم قدر الصلاة"مَنْ تَوَضَّأَ فَأَحْسَنَ الْوُضُوءَ خَرَجَتْ خَطَايَاهُ مِنْ جَسَدِهِ، حَتَّى تَخْرُجَ مِنْ تَحْتِ أَظْفَارِهِ" رواه مسلم [26]،
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«مَنْ تَوَضَّأَ فَأَحْسَنَ الوُضُوءَ، خَرَجَتْ خَطَايَاهُ مِنْ جَسَدِهِ حَتَّىٰ تَخْرُجَ مِنْ تَحْتِ أَظفارِه».
- مجموعة زاد الحديث(3)1«من توضَّأ فأحْسَنَ الوُضُوءَ خَرَجَت خطاياه من جَسَدِهِ حتى تخرجَ من تحتِ أظفارِهِ»
- مشروع منهاج زادكزادك 1 طالب«مَنْ تَوَضَّأَ فَأَحْسَنَ الْوُضُوءَ خَرَجَتْ خَطَايَاهُ مِنْ جَسَدِهِ، حَتَّى تَخْرُجَ مِنْ تَحْتِ أَظْفَارِهِ»
- من الأحكام الفقهية في الطهارة والصلاة والجنائز«مَنْ تَوَضَّأَ فَأَحْسَنَ الْوُضُوءَ خَرَجَتْ خَطَايَاهُ مِنْ جَسَدِهِ، حَتَّى تَخْرُجَ مِنْ تَحْتِ أَظْفَارِهِ»