Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganaan koo lameen ganaa isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganaan koo lameen ganaa isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan: " attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu waxxayyibaat. assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh. assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin. Ash-hadu anlaa ilaaha illallaahu wa ash-hadu anna muhammadan abduhuu wa Rasuuluh" hiikkaan isaas: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa ta'an ragaa nan baha, jechuudha". Gabaasa biraa kan Bukhaarii fi Muslim keessatti: "Rabbiin nagaadha, nagaas kennaadha, kanaafuu tokkoon keessan yeroo salaata keessatti tashahhudaaf taa'e akkana haa jedhu: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barkaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu -yeroo jechoota kana jedhetti samii fi dachii keessatti hunda gabricha Rabbii kan gaarii ta'eef ni geessi- Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an, eegasii du'aa'ii irraa waan barbaade filata".
عَلَّمَنِي رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، وَكَفِّي بَيْنَ كَفَّيْهِ، التَّشَهُّدَ، كَمَا يُعَلِّمُنِي السُّورَةَ مِنَ القُرْآنِ: «التَّحِيَّاتُ لِلَّهِ، وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلاَمُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلاَمُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللَّهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ». وفي لفظ لهما: «إِنَّ اللهَ هُوَ السَّلَامُ، فَإِذَا قَعَدَ أَحَدُكُمْ فِي الصَّلَاةِ فَلْيَقُلْ: التَّحِيَّاتُ لِلَّهِ وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالِحِينَ، فَإِذَا قَالَهَا أَصَابَتْ كُلَّ عَبْدٍ لِلَّهِ صَالِحٍ فِي السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، ثُمَّ يَتَخَيَّرُ مِنَ الْمَسْأَلَةِ مَا شَاءَ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Ibnu Mas'uudin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkuma suuraa Qur'aana irraa taate isa barsiisanitti Tashahhuda salaata keessatti jedhamu xiyyeeffannoo ibnu Mas'uud garas deebisuuf jecha haala dhugumatti harka isaanii harka isaa lameen keessatti godhaniin barsiisan, kun jechaa fi hiikkan tashahhuda kanatti yaaddawuu Nabiyyiiti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama agarsiisa. Akkas jedhan: "Kabajowwan Rabbiifi": Isiin hunduma jecha ykn gocha kabajaa irratti nama qajeelchu yoo taatu, hundummaan isiituu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha. " Salawaanni": Isiin salaata beekamtuu yoo taatu, waajbni isiiti fi sunnaa isiitis Rabbii ol ta'eefi. “Wantoonni gaggaariin”: Isiin jechoota, gochoota fi haalowwan gaggaarii ta'an kan guutummina irratti nama qajeelchan yoo taatu, hundummaan isiituu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha. "Yaa Nabiyyii! Nageenyi sirratti haa jiraatu, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu" jdchuun: Hunduma Rakkinaati fi waan jibbamaa ta'e irra nagaa ta'uu fi kheyrii hunda irraa dabalachuu isaanif kadhachuudha. "Nageenyi nuu fi gabroota Rabbii gaggaarii irratti haa jiraatu" jechuun: Namni salaatu tokko ofii isaati fi samii fi dachii keessatti hunda gabricha gaarii ta'eef nagaa kadhachuudha. "Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa baha": Kana jechuun Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre cimsee ragaa baha. “Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa baha”: Rabbiif gabra ta'uu isaanitii fi ergama xumuraatin akka ergaman nan raggaasisa. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kadhannaa irraa waan barbaade filachuu irratti nama salaatu kakaasan.
...:
Eddoon tashahhuda kanaa salaata hunda keessatti booda sujuuda dhumaati fi salaata rak'aa sadii fi afurii keessatti booda rak'aa lammaffaatiidha.
Tashahhuda keessatti Attahiyyaanni dirqama ta'uudha, jechoota tashahhuda kan Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mirkanaa'an keessaa kan barbaade filatee qara'uu ni danda'a.
Dilii waan hin tahiniin salaata keessatti waan barbaadaniin du'aa'ii godhachuun ni danda'amaadha.
Du'aa'ii yeroo godhatan lubbuu ofiitiin eegaluun sunnaa ta'uudha.
Sahiiha Bukhaarii (8/ 59) (6265).
Sahiiha Muslim (1/ 301) (402).
Dabalata (6)
الإلمام بشرح عمدة الأحكام.
لإسماعيل الأنصاري (1/ 168).
تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.
للبسام (ص206).
خلاصة الكلام شرح عمدة الأحكام.
لفيصل آل مبارك (ص94).
Cited in books
17 BooksDabalata (16)
- الأسئلة المختارة من قاموس الأسئلة الشائعة حول الإسلامقسم أركان الإسلام «أشهد أن لا إله إلا الله، وأشهد أن محمداً عبده ورسوله».
- الله -جل جلاله- أنيس المحبين وملاذ القاصدين«إِنَّ اللهَ هُوَ السَّلَامُ، وَلَكِنْ قُوْلُوْا: التَّحِيَّاتُ لِلهِ وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالحِينَ.
- الله -جل جلاله- أنيس المحبين وملاذ القاصدينأَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمْدًا عَبْدُهُ وَرَسُوْلُهُ»
- المختصر المفيد للمسلم(التحيات لله والصلوات والطيبات، السلام عليك أيها النبي ورحمة الله وبركاته، السلام علينا وعلى عباد الله الصالحين، أشهد أن لا إله إلا الله، وأشهد أن محمدًا عبده ورسوله)
- المنهج الوجيــز1«التحيات لله والصلوات الطيبات، السلام عليك أيها النبي ورحمة الله وبركاته، السلام علينا وعلى عباد الله الصالحين، أشهد أن لا إله إلا الله، وأشهد أن محمدًا عبده ورسوله»،
- رسالة في الأذكار1«التَّحِيَّاتُ للهِ وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ مُ
- رسالة في الأذكار1«التَّحِيَّاتُ المُبَارَكَاتُ الصَّلَوَاتُ الطَّيِّبَاتُ للهِ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَشْهَ
- ما لا يسع المسلم جهله«التَّحِيَّاتُ لِلَّهِ، وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللَّهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَشْهَدُ
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (1)، والسيرة النبوبة (1)، والعقيدة (1)، والفقه (1)مجموعة زاد الفقه (1)(التحيات ﷲ والصلوات والطيبات، السلام عليك أيها النبي ورحمة اﷲ وبركاته، السلام علينا وعلى عباد اﷲ الصالحين، أشهد أن لا إله إلا اﷲ، وأشهد أن محمدا عبده ورسوله)
- مشروع المنهج التعليميمادة الفقه مستوى 1«التَّحِيَّاتُ لِلهِ وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالِحِينَ، فَإِنَّكُمْ إِذَا قُلْتُمُوهَا أَصَابَتْ كُلَّ عَبْدٍ لِل
- مشروع منهاج زادكزادك 1 طالب«التَّحِيَّاتُ للهِ، وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلاَمُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ م
- مشروع منهاج زادكزادك 2 طالب نهائي(التحيات لله، والصلوات والطيبات، السلام عليك أيها النبي ورحمة الله وبركاته، السلام علينا وعلى عباد الله الصالحين، أشهد أن لا إله إلا الله، وأشهد أن محمدًا عبده ورسوله).
- موسوعة الأسئلة (المجموعة الأولى)«أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ».
- نبراس طالب (1)1«التَّحِيَّاتُ للهِ، وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلاَمُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلاَمُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ م
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) «التَّحِيَّاتُ للهِ، وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَشْهَدُ أَنَّ مُ
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) «التَّحِيَّاتُ للهِ، وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ م