Skip to content
Surah List /

الأعرَاف

الأعرَاف is chapter 7 of the Quran and has 206 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

206 Ayahs Surah No. 7
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

الٓمٓصٓ

Alif Laam Miim Saad

كِتَٰبٌ أُنزِلَ إِلَيۡكَ فَلَا يَكُن فِي صَدۡرِكَ حَرَجٞ مِّنۡهُ لِتُنذِرَ بِهِۦ وَذِكۡرَىٰ لِلۡمُؤۡمِنِينَ

(Kun) kitaaba gara keetti buufame,Isa (geessuu) irraa qoma kee keessa dhiphinni hin jiraatin, Akka isaan akeekkachiiftuufi mu’uminootaaf gorsa ta’uuf (buufne)

ٱتَّبِعُواْ مَآ أُنزِلَ إِلَيۡكُم مِّن رَّبِّكُمۡ وَلَا تَتَّبِعُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَۗ قَلِيلٗا مَّا تَذَكَّرُونَ

Waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufame hordofaa, Jaalalleewwan (biraa) isaa gaditti hin hordofinaa, Xiqqoo qofa gorfamtu

وَكَم مِّن قَرۡيَةٍ أَهۡلَكۡنَٰهَا فَجَآءَهَا بَأۡسُنَا بَيَٰتًا أَوۡ هُمۡ قَآئِلُونَ

Magaalota irraa kan Nuti balleessinee meqaa meeqa (hedduudha), kan adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isaanii rafuutti jiruu isheetti dhufe.

فَمَا كَانَ دَعۡوَىٰهُمۡ إِذۡ جَآءَهُم بَأۡسُنَآ إِلَّآ أَن قَالُوٓاْ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ

Yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufu jechi isaanii "nuti miidhaa raawwattoota turre" jechuu malee waan biraa hin taane.