Skip to content
Surah List /

الأنفَال

الأنفَال is chapter 8 of the Quran and has 75 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

75 Ayahs Surah No. 8
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

يَسۡـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلۡأَنفَالِۖ قُلِ ٱلۡأَنفَالُ لِلَّهِ وَٱلرَّسُولِۖ فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَصۡلِحُواْ ذَاتَ بَيۡنِكُمۡۖ وَأَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥٓ إِن كُنتُم مُّؤۡمِنِينَ

Boojuu irraa si gaafatu, jedhi “Boojuun kan Rabbiifi ergamaa Isaati, Rabbiin sodaadhaa. Hariiroo gidduu keessan jiru tolchaa.Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa Yoo mu’uminoota taatan".

إِنَّمَا ٱلۡمُؤۡمِنُونَ ٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِرَ ٱللَّهُ وَجِلَتۡ قُلُوبُهُمۡ وَإِذَا تُلِيَتۡ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُهُۥ زَادَتۡهُمۡ إِيمَٰنٗا وَعَلَىٰ رَبِّهِمۡ يَتَوَكَّلُونَ

Mu’umintoonni (dhugaa) warra yeroo (maqaan) Rabbii dubbatamu onneewwan isaanii rifattu, kan yeroo keeyyatoonni Isaa isaan irratti dubbifamtu Iimaana isaaniif dabaltuu, kan Gooftaa isaanii irratti irkataniidha.

ٱلَّذِينَ يُقِيمُونَ ٱلصَّلَوٰةَ وَمِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ يُنفِقُونَ

Isaannan salaata (seera ishee guutanii) dhaabani, waan nuti isaaniif kennine irraas kennitaniidha.

أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ حَقّٗاۚ لَّهُمۡ دَرَجَٰتٌ عِندَ رَبِّهِمۡ وَمَغۡفِرَةٞ وَرِزۡقٞ كَرِيمٞ

Isaannan kun isaan qofatu dhugumatti mu’uminoota, Gooftaa isaanii biratti sadarkaa hedduuisaaniif jira, araaramaafi soorata gaarii ta’etu (jannatatu) (isaaniif jiraaf).

كَمَآ أَخۡرَجَكَ رَبُّكَ مِنۢ بَيۡتِكَ بِٱلۡحَقِّ وَإِنَّ فَرِيقٗا مِّنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ لَكَٰرِهُونَ

akkuma Rabbiin kee mana kee irraa dhugaan si baaseeti. gariin mu’uminootarraa nijibban.