Skip to content
Surah List /

الرُّوم

الرُّوم is chapter 30 of the Quran and has 60 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

60 Ayahs Surah No. 30
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

غُلِبَتِ ٱلرُّومُ

Roomaan injifatamte

فِيٓ أَدۡنَى ٱلۡأَرۡضِ وَهُم مِّنۢ بَعۡدِ غَلَبِهِمۡ سَيَغۡلِبُونَ

Irra dhihoo dachii keessatti (injifataman). Isaanis mo’atamuu isaanii booda fuulduratti ni mo’atu.

فِي بِضۡعِ سِنِينَۗ لِلَّهِ ٱلۡأَمۡرُ مِن قَبۡلُ وَمِنۢ بَعۡدُۚ وَيَوۡمَئِذٖ يَفۡرَحُ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ

Waggoota muraasa keessatti (moo’atu). ajajni duraas ta’ee boodaa kan Rabbiiti. Guyyaa san mu’uminoonni ni gammadu.

بِنَصۡرِ ٱللَّهِۚ يَنصُرُ مَن يَشَآءُۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ

Tumsa Allaahtiin (gammadu). (Rabbiin) nama fedhee ni tumsa. Inni injifataa, rahmata godhaadha.