Skip to content
Surah List /

العَنكبُوت

العَنكبُوت is chapter 29 of the Quran and has 69 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

69 Ayahs Surah No. 29
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

أَحَسِبَ ٱلنَّاسُ أَن يُتۡرَكُوٓاْ أَن يَقُولُوٓاْ ءَامَنَّا وَهُمۡ لَا يُفۡتَنُونَ

Sila namoonni “amanne” jechuudhaan odoo hin mokkoramin dhiifamuu yaaduu?

وَلَقَدۡ فَتَنَّا ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡۖ فَلَيَعۡلَمَنَّ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ صَدَقُواْ وَلَيَعۡلَمَنَّ ٱلۡكَٰذِبِينَ

Dhugumatti, Nuti warra isaaniin duraas mokkorree jirra. Dhugumatti, Rabbiin isaan dhugaan [amanne] jedhan beekuuf jira, sobdootas beekuuf jira. .

أَمۡ حَسِبَ ٱلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلسَّيِّـَٔاتِ أَن يَسۡبِقُونَاۚ سَآءَ مَا يَحۡكُمُونَ

Sila isaan diliilee dalagan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan murteessan waa fokkate!

مَن كَانَ يَرۡجُواْ لِقَآءَ ٱللَّهِ فَإِنَّ أَجَلَ ٱللَّهِ لَأٓتٖۚ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ

Namni qunnamtii Allaah kajeele (haa qophaawuu), dhugumatti beellamni Rabbii dhufaadha. Inni dhagayaa, beekaadhas.