Skip to content
Surah List /

النَّمل

النَّمل is chapter 27 of the Quran and has 93 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

93 Ayahs Surah No. 27
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

طسٓۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡقُرۡءَانِ وَكِتَابٖ مُّبِينٍ

Xaa Siin tun keeyyattoota Qur’aanaafi kitaaba ibsaa ta’eeti.

هُدٗى وَبُشۡرَىٰ لِلۡمُؤۡمِنِينَ

Mu’umintootaaf qajeelfamaafi gammachiisaadha.

ٱلَّذِينَ يُقِيمُونَ ٱلصَّلَوٰةَ وَيُؤۡتُونَ ٱلزَّكَوٰةَ وَهُم بِٱلۡأٓخِرَةِ هُمۡ يُوقِنُونَ

(Isaan) warra Salaata dhaaban, kan zakaa kennaniifi isaan Aakhiraatti amananiidha.

إِنَّ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ زَيَّنَّا لَهُمۡ أَعۡمَٰلَهُمۡ فَهُمۡ يَعۡمَهُونَ

Isaan Aakhiraatti hin amanin, [gadhee] dalagaalee isaanii isaaniif miidhagsine. Isaanis ni dhama’u.

أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَهُمۡ سُوٓءُ ٱلۡعَذَابِ وَهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ هُمُ ٱلۡأَخۡسَرُونَ

Isaan sun warra [addunyaa keessatti] adabbiin hamaan isaaniif jiruudha. Isaan Aakhiraatti isaanumatu hoonga’oodha.