Skip to content
Surah List /

القَصَص

القَصَص is chapter 28 of the Quran and has 88 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

88 Ayahs Surah No. 28
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ

Tun keeyyattoota kitaaba ifa ba’aati.

نَتۡلُواْ عَلَيۡكَ مِن نَّبَإِ مُوسَىٰ وَفِرۡعَوۡنَ بِٱلۡحَقِّ لِقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ

Oduu Muusaafi Fir’awn irraa ummata amananiif dhugaadhaan sirratti dubbifna.

إِنَّ فِرۡعَوۡنَ عَلَا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَجَعَلَ أَهۡلَهَا شِيَعٗا يَسۡتَضۡعِفُ طَآئِفَةٗ مِّنۡهُمۡ يُذَبِّحُ أَبۡنَآءَهُمۡ وَيَسۡتَحۡيِۦ نِسَآءَهُمۡۚ إِنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلۡمُفۡسِدِينَ

Fir’awn Dachii keessatti of tuulee jira. warra ishee garee garee taasiseera. Garee isaan irraa ta’e ni hacuuca. Ilmaan isaanii kan dhiiraa ni gorra'a; kan dubaraa immoo ni jiraachisa (nidhiisa). inni balleeysitoota irraa ture.

وَنُرِيدُ أَن نَّمُنَّ عَلَى ٱلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَنَجۡعَلَهُمۡ أَئِمَّةٗ وَنَجۡعَلَهُمُ ٱلۡوَٰرِثِينَ

Nuti isaan lafa irratti cunqurfaman (hacuucaman) irratti tola ooluu feena, matootii isaan goonee dhaaltotas isaan taasisuu (feena).