Skip to content

«Abbaa Qur'aanaatiin ni jedhama: qara'i, ol ba'i, akka duuniyaa irratti qara'aa turte sanatti qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuutti ta'a».

Abdullaah bin amrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Abbaa Qur'aanaatiin ni jedhama: qara'i, ol ba'i, akka duuniyaa irratti qara'aa turte sanatti qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuutti ta'a».

«يقالُ لصاحبِ القرآن: اقرَأ وارتَقِ، ورتِّل كما كُنْتَ ترتِّل في الدُنيا، فإن منزِلَكَ عندَ آخرِ آية تقرؤها».

Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Kubraa keessattii fi Ahmadtu gabaasani
Hasani
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama qur'aana qara'u, kan waan isa keessa jirutti hojjatu, kan isa qara'uu fi qomatti isa haffazuun yeroo mara isaan woliin jiruun yeroo jannata seenetti akkas akka jedhamuun himani: qur'aana qara'i, isaan darajaa jannataa keessa ol ba'i, akkasuma akkuma duuniyaa keessatti isa qara'aa turtetti suutaa fi tasgabbiin isa qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuutti ta'a.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

mindaan kan ta'u hangaa fi akkaataa hojiitiini.

qur'aana qara'uu, isa tolchuu, qomatti isa qabachuu, isa xiinxaluu fi isatti hojjachuutti kakaasuutu keessa jira.

jannanni qubsumaa fi sadarkaawwan hedduu qabdi, worri qur'aanaa isii keessaa irra olaantuu sadarkaa argata.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (2/ 592) (1464).

Sunana Tarmizii (5/ 35) (2914).

Musnada Ahmad (11/ 403) (6799).

Sunana Kubraa kan Nasaa'ii (7/ 272) (8002).

Dabalata (3)

معالم السنن (1/290).

تحفة الأحوذي (8/187).

عون المعبود وحاشية ابن القيم (4/ 237).