Nabiyyiin Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala isaanii hunda irratti Rabbiin zaakkaru ture.
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette:
Nabiyyiin Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala isaanii hunda irratti Rabbiin zaakkaru ture.
كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَذْكُرُ اللهَ عَلَى كُلِّ أَحْيَانِهِ.
Aa'ishaan haati mu'umintootaa -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zikrii Rabbii ol ta'ee irratti akkaan bololaa akka turan himti, yeroo, bakkaa fi haala hunda keessatti Rabbiin zaakkaru turani.
...:
Najaasaa xiqqaa fi guddaa irraa qulqullaa'uun zikrii Rabbii ol ta'eetiif ulaagaa hin godhamu.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo hunda zikrii Rabbii ol ta'ee irra jiraachuu isaanii.
Nabiyyiitti hidhachuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala hunda keessatti zikrii Rabbii ol ta'ee heddummeessuutti kakaasuutu keessa jira, haalowwan isaan keessatti zikrii irraa dhoorgamu keessatti yoo tae malee, akka mana fincaanii seenuun dhimma ba'achuufaa.
Sahiiha Muslim (1/ 282) (373).
Sahiiha Bukhaarii (1/ 68).
(1/ 129).
Dabalata (6)
توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.
للبسام (1/ 315).
فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.
لابن عثيمين (1/ 273).
مجموع فتاوى ومقالات.
لابن باز (26/ 17).