Skip to content

«Qur'aana kana eeggadhaa, isa lubbuun Muhammad harka isaa jirtuunan kakadha, inni gaalli hidhaa isii keessaa miliquu caalaatti nama harkaa miliqa».

Abuu Muusaa Al-Ash’arii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin nagaa fi rahmata isaan irratti haa buusu- akkas jedhani:

«Qur'aana kana eeggadhaa, isa lubbuun Muhammad harka isaa jirtuunan kakadha, inni gaalli hidhaa isii keessaa miliquu caalaatti nama harkaa miliqa».

«تَعَاهَدُوا هَذَا الْقُرْآنَ، فَوَالَّذِي نَفْسُ مُحَمَّدٍ بِيَدِهِ لَهُوَ أَشَدُّ تَفَلُّتًا مِنَ الْإِبِلِ فِي عُقُلِهَا».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qur'aana eeggachuu fi booda qoma isaa keessatti haffazee akka isa hin daganneef yeroo hunda isa qara'uutti ajajani, sana immoo kakaa isaaniitiin gadi jabeessani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qur'aanni nama harkaa ba'uu fi qoma keessaa deemuu keessatti gaala haadaan walakkaa hirree isiitti hidhamte caala, ilmi namaa yoo kan isii eeggatu ta'e isii qabata yoo kan gadhiisu ta'e immoo ni deemti ni baddi.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Namni Qur'aana haffaze yeroodhaa yerootti isa qara'uu irratti yeroo hunda yoo jiraate qoma isa keessatti tikfamaa ta'ee hafa.

Bua'aalee Qur'aana eeggachuu keessaa: mindaa fi guyyaa qiyaamaatti sadarkaan ol fuudhamuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (1/ 545) (791).

Dabalata (7)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

تأليف سليم الهلالي (2/ 231).

رياض الصالحين من كلام سيد المرسلين (ص299) (1002).

شرح رياض الصالحين.

للشيخ محمد بن صالح العثيمين (4/ 657).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (13/ 5).