Skip to content
Surah List /

التوبَة

التوبَة is chapter 9 of the Quran and has 129 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

129 Ayahs Surah No. 9
Go to ayah
oromoo · Ababor

بَرَآءَةٞ مِّنَ ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦٓ إِلَى ٱلَّذِينَ عَٰهَدتُّم مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ

(Isheen kun) Qulqullina Rabbiifi ergmaa Isaa irraa taate kan gara warra mushrikoota irraa (lola dhiisuuf) waadaa walii galtaniitti (qaqqabduudha).

Explanation & meanings · 1
  1. suuraan tawbaa tuni bismillaa hinqabdu, usmaan binu affaan yeroo qur'aana barreessan akkanumatti bismillaa malee barreessan. suuraalee qur'aanaa 114n keessaa tan bismillaa hinqabne isii tana qofa.

فَسِيحُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ أَرۡبَعَةَ أَشۡهُرٖ وَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّكُمۡ غَيۡرُ مُعۡجِزِي ٱللَّهِ وَأَنَّ ٱللَّهَ مُخۡزِي ٱلۡكَٰفِرِينَ

Ji’oota afuriif dachii keessa deemaa, Isin Rabbiin dadhabsiisoo akka hin ta’in beekaa. Rabbiin salphisaa kaafirootaati.

وَأَذَٰنٞ مِّنَ ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦٓ إِلَى ٱلنَّاسِ يَوۡمَ ٱلۡحَجِّ ٱلۡأَكۡبَرِ أَنَّ ٱللَّهَ بَرِيٓءٞ مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ وَرَسُولُهُۥۚ فَإِن تُبۡتُمۡ فَهُوَ خَيۡرٞ لَّكُمۡۖ وَإِن تَوَلَّيۡتُمۡ فَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّكُمۡ غَيۡرُ مُعۡجِزِي ٱللَّهِۗ وَبَشِّرِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ

(Kuni) labsii Rabbiifi ergamaa Isaa irraa gara namaatti guyyaa hajji guddaa keessatti tahe, “Rabbiin qindeessitoota irraa qulqulluudha; Ergamaan Isaas (akkasuma), Yoo tawbattaniif, inni isiniif caalaadha, Yoo garagaltan immoo isin Rabbiin dadhabsiisoo akka hin ta’in beekaa” jechuudhaan. Warra kafaran adabbii laalessaadhaan gammachiisi.

إِلَّا ٱلَّذِينَ عَٰهَدتُّم مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ ثُمَّ لَمۡ يَنقُصُوكُمۡ شَيۡـٔٗا وَلَمۡ يُظَٰهِرُواْ عَلَيۡكُمۡ أَحَدٗا فَأَتِمُّوٓاْ إِلَيۡهِمۡ عَهۡدَهُمۡ إِلَىٰ مُدَّتِهِمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلۡمُتَّقِينَ

Garuu qindeessitoota irraa Warri waadaa walii seentanii sana booda homaa isin hin hirdhisiniifi (nama) tokkollee isin irratti hin gargaarin, malee, hanga beellama isaaniitti waadaa isaanii isaaniif guutaa, Dhugumatti Rabbiin sodaattota (isaa) ni jaalata.

فَإِذَا ٱنسَلَخَ ٱلۡأَشۡهُرُ ٱلۡحُرُمُ فَٱقۡتُلُواْ ٱلۡمُشۡرِكِينَ حَيۡثُ وَجَدتُّمُوهُمۡ وَخُذُوهُمۡ وَٱحۡصُرُوهُمۡ وَٱقۡعُدُواْ لَهُمۡ كُلَّ مَرۡصَدٖۚ فَإِن تَابُواْ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَوُاْ ٱلزَّكَوٰةَ فَخَلُّواْ سَبِيلَهُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ

Yeroo ji’oonni kabajamoon dabran, mushrikoota bakka isaan argitanitti ajjeesaa; isaan booji’aa; isaan marsaa; karaa hunda irra isaaniif taa’aa, Yoo tawbatanii, salaata gadi dhaabanii, zakaa kennan karaa isaanii isaaniif gadi dhiisaa, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

Explanation & meanings · 1
  1. Ji’oonni kabajamoon ji’oota afran guyyaa labsii irraa kaasee jiru, kan mushrikootaaf isaan keessa nagaan socho’uun eeyyamamee dha.