Skip to content
Surah List /

المَعَارج

المَعَارج is chapter 70 of the Quran and has 44 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

44 Ayahs Surah No. 70
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

سَأَلَ سَآئِلُۢ بِعَذَابٖ وَاقِعٖ

Adaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e kadhataan kadhate.

لِّلۡكَٰفِرِينَ لَيۡسَ لَهُۥ دَافِعٞ

Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru.

مِّنَ ٱللَّهِ ذِي ٱلۡمَعَارِجِ

Rabbii Abbaa kortoowwanii ta'e irraa (argama).

تَعۡرُجُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ وَٱلرُّوحُ إِلَيۡهِ فِي يَوۡمٖ كَانَ مِقۡدَارُهُۥ خَمۡسِينَ أَلۡفَ سَنَةٖ

Malaykonniifi Jibiriil gara Isaa ol koru guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti.

فَٱصۡبِرۡ صَبۡرٗا جَمِيلًا

Obsa gaarii obsi.