Skip to content
Surah List /

نُوح

نُوح is chapter 71 of the Quran and has 28 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

28 Ayahs Surah No. 71
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦٓ أَنۡ أَنذِرۡ قَوۡمَكَ مِن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ

Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun.

قَالَ يَٰقَوۡمِ إِنِّي لَكُمۡ نَذِيرٞ مُّبِينٌ

(Nuuhis) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.

أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱتَّقُوهُ وَأَطِيعُونِ

Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun.

يَغۡفِرۡ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمۡ وَيُؤَخِّرۡكُمۡ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمًّىۚ إِنَّ أَجَلَ ٱللَّهِ إِذَا جَآءَ لَا يُؤَخَّرُۚ لَوۡ كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ

"Diliilee keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaa'eettis isin tursiisa. Beellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamu. Odoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu).

قَالَ رَبِّ إِنِّي دَعَوۡتُ قَوۡمِي لَيۡلٗا وَنَهَارٗا

(Nuuhiin) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan waame.