Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

8 of 559 cards

Clear filters
«Osoo mu'umintoota irratti -ykn ummata kiyya irratti- ulfaataa ta’uu baatee silaa salaata hundumaa irratti siwaaka akka fayyadaman isaan ajaja ture».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni tokkos salaama na irratti hin buusu, Rabbiin ruuhii natti deebisee salaama itti deebisu malee hin hafu».
Sanadni isaa hasani Abuu Daawudii fi Ahmadtu gabaasani
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo haxxifatan harka isaanii -ykn uffata isaanii- afaan isaanii irra kaa'anii, isaan sagalee isaanii kan gadi qaban ta'an.
Sahiiha Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- umurii afurtamaa qur'aanni isaan irratti buufame, woggaa kudha sadi'iif makkaan turani, eegasii godaansatti ajajamanii, gara madiinaatti godaanani, woggaa kudhaniif isii keessa turani, eegasii immoo -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni du'ani.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Yaa haadha mu'umintootaa, haala ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- naaf himi, Aa'ishaanis ni jette: Qur'aana hin qaraatuu? lakki, nan qara'a, Aa'ishaanis ni jette: Haalli nabiyyii Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qur'aana ture.
Sahiiha Muslimtu Hadiisa dheera keessatti isa gabaase
Nabiyyiin - Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kophee isaanii uffachuu, rifeensa isaanii filachuu, of qulqulleeffachuu fi dhimmoota isaanii hunda keessatti mirga dursuu jaallatu turani.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Boru alaabaa kana nama Rabbiin harka isaa irratti injifannoo fidutti, kan inni Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallatu, Rabbii fi Ergamaanis kan isa jaallattanittin kenna». ni jedhe (Sahl): ummanni isaan keessaa isa kamitti kennama jedhanii yaaduudhaan halkan sana dabarsan, Yeroo bari'u ummanni gara Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hundi isaanii akka kennamuuf abdatanii deeman, ni jedhan (Rasuul sallallaahu aleyhi wasallam): «Aliyyi bin Abii Xaalib eessa jira?» ni jedhame: Inni yaa Ergamaa Rabbii ija isaa lamaan dhukkuba, ni jedhan: «Nama itti ergaa», isaan dhufamee, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ija isaa lamaan keessatti tufanii isaaf du'aa'ii godhanii, akka waan dhukkubbiin tokkolleen isa mudatee hin beekneetti fayye, ergasii alaabaa itti kennan, Aliyyis akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii hanga isaan nuun tokko ta'anitti isaanin nan lolaa? isaanis ni jedhan: «suuta jedhi, hanga eddoo isaanii keessa qubattutti, achiis gara Islaamummaatti isaan waami, Haqa Rabbii kan Islaamummaa keessatti isaan irratti dirqama ta'u itti himi, Rabbiin kakadhee gaala diimaa qabaachuu irra nama tokko Rabbiin sababaa keetin qajeelchuutu siif caala».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota hunda irra haala gaariin irra bareedaa turani.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan