Skip to content

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota hunda irra haala gaariin irra bareedaa turani.

Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota hunda irra haala gaariin irra bareedaa turani.

كَانَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَحْسَنَ النَّاسِ خُلُقًا.

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota hunda irra haalli isaanii guutuu ture, haala gaarii fi toltuuwwan hunda irratti dursi kan isaanii ture, haasawa toluu, toltuu hojjachuu, fuula ifuu, rakkoo nama irraa qabachuu fi rakkina namoota irraa isaanitti dhufu immoo danda'uun.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Haalli Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guutuu ta'uu isaa.

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaantu haala toluu keessatti hidhannoo guutuudha.

Haal toluu isaanii keessatti nabiyyiitti hidhachuutti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kakaasuutu keessa jira.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 45) (6203).

Sahiiha Muslim (4/ 1805) (2310).

Dabalata (8)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 670).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمصطفى الخِن وغيره (1/ 524).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (9/ 57).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (3/ 556).