Skip to content

Nabiyyiin - Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kophee isaanii uffachuu, rifeensa isaanii filachuu, of qulqulleeffachuu fi dhimmoota isaanii hunda keessatti mirga dursuu jaallatu turani.

Aa'ishaa haadha mu'umintootaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette:

Nabiyyiin - Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kophee isaanii uffachuu, rifeensa isaanii filachuu, of qulqulleeffachuu fi dhimmoota isaanii hunda keessatti mirga dursuu jaallatu turani.

كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يُعْجِبُهُ التَّيَمُّنُ، فِي تَنَعُّلِهِ، وَتَرَجُّلِهِ، وَطُهُورِهِ، وَفِي شَأْنِهِ كُلِّهِ.

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhimmoota isaanii kabajaaf malu keessatti miragaan eegaluu kan jaallatanuu fi caalchifatanu turani, sana keessaa: kophee isaaniii offachuu keessatti mirgaan eegaluu, akkasumas rifeensaa fi areeda isaanii filachuu fi dibata isaaf dibuu keessattis mirgaan eegaluu, akkasumas wuduu'a isaanii keessattis harkaa fi miila yeroo dhiqatan mirga isaanii bitaa dursuudha.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Nawawiin akkas jedhe: kun shari'aa keessatti foormulaa(qajeelfama) itti fufaa ta'edha, wanti kabajaa fi sadarkaan wol qabate hundi akka mudawwara, kofoo fi kophee uffachuu, masjiida seenuu, suwaakkachuu, kuullachuu, qeensa qorachuu, areeda funyaan jalaa gabaabsuu, rifeensa faaqqifachuu, rifeensa bobaa buqqisuu, rifeensa mataa aaddachuu, salaata irraa salaama baafachuu, qaamolee xahaaraa dhiqachuu, mana fincaaniitii ba'uu, nyaataa fi dhugaatii, harka wol fuuchuu, hajar al-aswadiin dhungachuu fi kanneen birooo kana fakkatan mirga dursuun jaallataamaadha, wontoonni faallaa kanaatiin ta'an immoo akka mana fincaanii seenuu, masjidaa ba'uu, furrii baafachuu, istinjaa godhachuu, mudawwara, kofoo fi kophee baafachuu fi kanneen kana fakkaatan, bitaa dursuun jaallatamaadha, kun hunduu kabajaa mirgaatii fi sadarkaa isaatiifi.

"Mirga dursuutu isaan jaallachiisa", jechuun: hojii keessatti harka mirgaatiin, miila mirgaatiin, cinaa mirgaatiin eegaluu fi mirgaan fudhachuu fi kennuu jechuudha.

Nawawiin akkas jedhe: beeki! qaamowwan wuduu'aa keessaa kan mirga dursuun jaallatamaa hin taanetu jira; innis gurra lameen, harka lameenii fi maddii lameeni, yeruma tokkotti woliin qulqulleefata, kun nama qaamni muramaa fi kan isa fakkaatanuuf kan rakkisu yoo ta'e immoo; mirga dursa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 45) (168).

Sahiiha Muslim (1/ 226) (268).