{Ergasii wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan}
Azzubeyr bin Al-awwaam irraa odeeffamee akkana jedhe:
Yeroo Aayaan tun buute: {Ergasii wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan} [Attakaasur: 8] Azzubeyr akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii qananii kam irraa gaafatamna, gurraacha lamaan , timiraa fi bishaan qofaa? isaanis ni jedhan: "Inni ni ta'a".
لَمَّا نَزَلَتْ: {ثُمَّ لَتُسْأَلُنَّ يَوْمَئِذٍ عَنِ النَّعِيمِ} [التكاثر: 8]، قَالَ الزُّبَيْرُ: يَا رَسُولَ اللهِ، وَأَيُّ النَّعِيمِ نُسْأَلُ عَنْهُ، وَإِنَّمَا هُمَا الْأَسْوَدَانِ التَّمْرُ وَالْمَاءُ؟ قَالَ: «أَمَا إِنَّهُ سَيَكُونُ».
Yeroo Aayaan tun buute: {Eegasii isin wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan} jechuunis: Isin qananiiwwan irraa waan Rabbiin isiniif kenne galateeffachuu irraa ni gaafatamtan jechuu dha. Azzubeyr bin Al-awwaam Rabbiin irraa haa jaalatuu ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii qananii kam irraa gaafatamna?! isaan lamaan qananii lama kan gaaffii keessa galchanii miti, isaanis timiraa fi bishaani! Nabiyyinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Isin haaluma irra jirtan kanaan waliin qananii irraa gaafatamuuf teessan, isaan lamaan kunis qananii gurguddaa lama kan qananiiwwan Rabbii ol ta’ee irraa ta'aniidha.
Qananii Rabbiin namaa kenne galateeffachuu irratti jajjabeessuudha.
Qananiin guddas ta'ee xiqqaa waan gabrichi guyyaa qiyaamaa irraa gaafatamuu taa'uudha.
Sunana Tarmizii (5/ 375) (3356).
Sunana Ibnu Maajaa (5/ 262) (4158).
Dabalata (3)
شرح سنن ابن ماجه للسيوطي (ص: 307).
تحفة الأحوذي (9/203).
مرشد ذوي الحجا والحاجة إلى سنن ابن ماجه والقول المكتفى على سنن المصطفى (25/ 251).