«Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a
Al-Baraa bin Aazib irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a», Kun jecha Rabbiiti: {Rabbiin warra amanan jecha jabaadhaan jireenya duuniyaa fi aakhiraa keessatti raggaasisa} [suuraa Ibraahim: 27].
«المُسْلِمُ إِذَا سُئِلَ فِي القَبْرِ: يَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ»، فَذَلِكَ قَوْلُهُ: {يُثَبِّتُ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا بِالقَوْلِ الثَّابِتِ فِي الحَيَاةِ الدُّنْيَا وَفِي الآخِرَةِ} [إبراهيم: 27].
Mu’uminni qabrii keessatti ni gaafatama, Malaaykonni lamaan akkas gochuuf ramadaman, isaan lamaan immoo akkuma Hadiisa hedduu keessatti dhufetti Munkarii fi Nakiiri, isa ni gaafatan, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa baha. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Kuni jecha ragga'aa ta'e kan Rabbiin isa ilaalchisee akkana jedhe sani: {Rabbiin warra amanan jecha jabaadhaan jireenya duuniyaa fi aakhiraa keessatti raggaasisa} [suuraa Ibraahim: 27].
Gaaffiin qabrii haqa akka ta'eedha.
Tolli Rabbiin gabroota Isaa mu'umintootaf duuniyaa fi aakhiraatti oole guddaa ta'uudha, sunis jecha ragga'aa ta'e irratti isaan raggaasisuuni.
Sadarkaa Ragaa bahuu tokkichummaa Rabbii fi isa irratti du'uun qabuudha.
Duuniyaa keessatti amantii irratti ragga'uu fi karaa qajeelaa qabachuun, bakka du'atti towhiida irratti du'uu fi qabrii keessatti bakka gaaffii malaa'ikaa lamaaniitti ragga'uun Rabbiin mu'umina akka raggaasiseedha.
Sahiiha Bukhaarii (6/ 80) (4699).
Sahiiha Muslim (4/ 2201) (2871).
Dabalata (4)
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (1/ 498).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (1/ 386).