«Hojii fokkataa Rabbiin irraa isin dhoorge kana irraa fagaadhaa, namni isa hojjate girdoo Rabbiitiin of haguugee Rabbitti haa toobatu, nama badii isaa nuuf ibse immoo, kitaaba Rabbii guddaa irrattii hundaa'uun adabbii isa irratti raawwanna».
Abdullaah ibnu Umar irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- booda namicha Al-Aslamiyyi jedhamu dhagaan cafaqanii ajeessanii booda, akkas jedhani:
«Hojii fokkataa Rabbiin irraa isin dhoorge kana irraa fagaadhaa, namni isa hojjate girdoo Rabbiitiin of haguugee Rabbitti haa toobatu, nama badii isaa nuuf ibse immoo, kitaaba Rabbii guddaa irrattii hundaa'uun adabbii isa irratti raawwanna».
«اجْتَنِبُوا هَذِهِ الْقَاذُورَةَ الَّتِي نَهَى اللَّهُ عَنْهَا فَمَنْ أَلَمَّ فَلْيَسْتَتِرْ بِسِتْرِ اللَّهِ وَلْيُتُبْ إِلَى اللَّهِ، فَإِنَّهُ مَنْ يُبْدِ لْنَا صَفْحَتَهُ نُقِمْ عَلَيْهِ كِتَابَ اللَّهِ عز وجل».
Ibnu Umar akkas jechuun hime -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- booda Maa'iz ibnu Maalik Al-Aslamiin irratti adabbii sagaagalummaa hojii irra oolchanii, ka'anii dhabbachuun akkas jechuun namootatti khuxbaa godhani: Badii fokkataa kanaa fi badiiwwan Rabbiin irraa dhoorge fokkatoo biroo irraas fagaadhaa, namni badiitti kufe waa lamatu dirqama isarratti ta'a: Ini jalqabaa: badii raawwate himuu dhiisee, akkuma Rabbiin badii isaa dhokseefitti of dhoksuudha. Lammaffaan: badii sana irra turuu dhiisee, tawbaan gama Rabbiitti jarjaruu, nama badiin isaa ifa nuuf gale adabbiii badii sanaaf kitaaba Rabbii keessatti dubbatame isa irratti raawwanna.
Gabricha lubbuun isaa badii hojjatteef badii isaa dhoksuu fi gidduu isaatii fi gidduu Rabbiitti akka tawbatutti kakaasuutu keessa jira.
Badiin nama adabsiisu, hooggantoota bira geenyaan, adabbii sana hojii irra oolchuun dirqama ta'a.
Badiiwwan irraa fagaachuu fi irraa tawbachuun dirqama ta'uu isaa.
Sunana Kubraa kan Behaqii (8/ 572).
Dabalata (8)
المستدرك على الصحيحين للحاكم (4/ 272) (7615).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (8/ 435).
فتح ذي الجلال والاكرام بشرح بلوغ المرام.
لابن عثيمين (5/ 370).
توضِيحُ الأحكَامِ مِن بُلوُغ المَرَام.
للبسام (6/ 249).
شرح الزرقاني على موطأ الإمام مالك (4/ 235).