Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

5 of 559 cards

Clear filters
Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Rabbiin ol ta'e ni jedhe: yaa ilma Aadam hanga ati ana kadhattee ana kajeeltetti badii ati qabduu woliinan siif dhiisa homaas bakka itti hin kennu, yaa ilma Aadam badiin kee duumessa samiillee kan qaqqabu ta'ee eegasii araarama narra barbaaddee araaraman siif godha, homaas bakka itti hin kennu, yaa ilma Aadam ati badii dachii guutuu ka'een natti dhuftee eegasii woma tokkollee kan natti hin qindeessine taate na qunnamtee, badii dachii guutuu ka'eef araaraman siif godha».
Hasani Tirmiziitu gabaase
Nan jedhe: Yaa Ergamaa nagaa bahuun akkamitti argama? isaanis ni jedhan: «Arraba kee qabadhu, manni kee siif haa bal'atu, badii kee irratti boo'i».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
"Namni tokko dilii hojjetee, eegasii ka’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaatee, eegasii Rabbiin irraa araaama barbaadee jennaan, Rabbiin isaaf araaramu malee hin hafu, eegasii Aayaa tana qara'an: {Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookaan lubbuulee ofii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaanitiif araarama kadhataniidha} [Aali imraan: 135].
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
«Hojii fokkataa Rabbiin irraa isin dhoorge kana irraa fagaadhaa, namni isa hojjate girdoo Rabbiitiin of haguugee Rabbitti haa toobatu, nama badii isaa nuuf ibse immoo, kitaaba Rabbii guddaa irrattii hundaa'uun adabbii isa irratti raawwanna».
Sahiiha Haakimii fi Beyhaqiitu gabaasani
«Rabbiin ol tahe namni guyyaa dilii dalage akka tawbatuuf harka isaa halkan diriirsa, namni halkan dilii dalage akka tawbatuuf guyyaa harka isaa diriirsa, Hanga aduun dhiha irraa baatutti».
Sahiiha Muslimtu gabaase