Skip to content

«Namni boqoo of rukute, kan uffata cicciree fi kan waamicha wallaalummaa waammate nu irraa miti».

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isa irratti haa jiraatu- akkana jedhan:

«Namni boqoo of rukute, kan uffata cicciree fi kan waamicha wallaalummaa waammate nu irraa miti».

«لَيْسَ مِنَّا مَنْ لَطَمَ الخُدُودَ، وَشَقَّ الجُيُوبَ، وَدَعَا بِدَعْوَى الجَاهِلِيَّةِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- gocha ummanni bara Islaamummaa duraa hojjetan tokko tokko irraa dhoorganii akeekkachiisuun akkana jedhan: Nu irraa miti: Tokkoffaan: Namni boqoo of rukute, boqoo adda baasee wanti dubbateef yeroo hedduu akkas waan godhamuuf jecha, yoo akkas hin jenne fuula hafe rukutuun dhoorgaa keessatti hammatama. Inni lammafaa: sababa abdii murachuu garmaleetiin mataan itti seenuuf uffata cicciruudha. Sadaffaan: nama Kadhannaa ummata bara Islaamummaa duraa kan akka kadhannaa wayyoo jechuu, badiinsa ofitti kadhachuu, nama du'eef sagalee olkaasanii boo’uu fi kkf kadhateedha.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Akeekkachiisni Hadiisicha keessa jiru kun gochoonni kunneen diliiwwan gurguddoo irraa ta'u agarsiisa.

Balaa irratti obsa qabaachuun dirqama ta'uu fi murtiiwwan Rabbii kan laalessoo ta’an irratti dallananii, sana boo’ichaan, rifeensa haaddachuudhaan, ykn uffata ciruudhaan ykn karaa biraatiin agarsiisuun dhoorgaa ta'uudha.

Dhimmoota seerri shari'aa hin raggaasifne hojjachuun ummata bara Islaamummaa duraa turanitti fakkaachuun dhoorgaa ta'uudha.

Gadduu fi boo’uun qadara Rabbii ol ta'ee irratti obsuun waan wal hin faallessineef jecha rakkoo hin qabu, inumaa inni rahmata Rabbiin qalbii firootaa fi namoota jaallatan keessa kaaʼeedha.

Muslimni murtii Rabbii jaalachuudha qaba, yoo hin jaalanne immoo obsi dirqama isaati.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (2/ 81) (1294).

Sahiiha Muslim (1/ 99) (103).

Dabalata (4)

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

لعبد الله البسام (ص287).

تنبيه الأفهام شرح عمدة الأحكام.

لابن عثيمين (2/ 379).