Skip to content

Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatoota kudhan kan qara'an turani, hanga beekumsaa fi hojii waan isii keessa jiru baranutti barumsa kurnan biroo hin fudhatanu ture

Abuu Abdurrahmaan al-sulamii irra akka odeeffametti- Rabbii isaa haa mararfatu- ni jedhe:

Worroonni qur'aana nu qaraasisaa turan waan sahaabota Nabiyyii irraa nutti himani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatoota kudhan kan qara'an turani, hanga beekumsaa fi hojii waan isii keessa jiru baranutti barumsa kurnan biroo hin fudhatanu ture, akkasitti beekumsaa fi hojiis waliin baranne jedhani.

حَدَّثَنَا مَنْ كَانَ يُقْرِئُنَا مِنْ أَصْحَابِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنَّهُمْ كَانُوا يَقْتَرِئُونَ مِنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَشْرَ آيَاتٍ، فَلَا يَأْخُذُونَ فِي الْعَشْرِ الْأُخْرَى حَتَّى يَعْلَمُوا مَا فِي هَذِهِ مِنَ الْعِلْمِ وَالْعَمَلِ، قَالُوا: فَعَلِمْنَا الْعِلْمَ وَالْعَمَلَ.

Ahmadtu gabaase
Hasani
Ibsa

sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- qur'aana irraa aayatoota kudhan Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qara'u turani, hanga beekumsa waan aayatootaa kurnan kana keessa jiru baratanii itti hojjatanitti kan birootti hin darbanu ture, akkasitti beekumsaa fi hojiis waliin baratan.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

sadarkaa sahaabonni qabanuu fi bolola isaan qur'aana barachuuf qabaniidha, Rabbiin isaan irraa haa jaallatu.

qur'aana barachuun isa qara'uu fi qomatti isa qabachuu qofaan osoo hin taane isa baruu fi waan isa keessa jirutti hojjachuun ta'aadha.

beekumsi jechaa fi gocha dursa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Musnada Ahmad (38/ 466) (23482).