«Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin».
Abuu Qataadaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan.
«Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin».
«لَا يُمْسِكَنَّ أَحَدُكُمْ ذَكَرَهُ بِيَمِينِهِ وَهُوَ يَبُولُ، وَلَا يَتَمَسَّحْ مِنَ الْخَلَاءِ بِيَمِينِهِ، وَلَا يَتَنَفَّسْ فِي الْإِنَاءِ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- naamusaalee tokko tokko ibsaniiru, innis dhiirri qaama saalaa isaa harka mirgaatiin osoo fincaa'uu qabachuu fi wanni najisa ta'e qaama saalaa kan fuul duraa ta'ee ykn kan duubaa irraa harka mirgaatin deemsifamuu dhoorguu isaanitiini; Sababni isaas harki mirgaa wantoota gaggaarii ta'aniif kan qophaa’e waan ta’eef jecha. Akkuma ilmi namaa meeshaa itti dhugu keessatti hafuura baafachuu dhoorganitti.
Naamusaalee fi qulqullina keessatti Islaamummaan dursa akka qabu ibsuudha.
Wantoota najisa ta'an irraa fagaachuudha, Yoo qabachuun dirqama ta'e harka bitaatti fayyadamuun dirqama ta'a.
Kabajaa fi sadarkaa harki mirgaa harka bitaa irra qabu ibsuudha.
Guutummaa seera Islaamaa fi bal’ina barsiisa isaati.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 42) (154).
Sahiiha Muslim (1/ 225) (267).
Dabalata (4)
تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.
للبسام (ص41).
تنبيه الأفهام شرح عمدة الأحكام.
لابن عثيمين (1/ 45).