Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan
Amrii bin Aamir Anas bin Maalik irraa odeessee Anas akkana jedhe:
Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan, nan jedheen: Isin hoo akkam godhaa turtan? ni jedhe: Hanga wuduu'a hin balleesinetti tokkoo keenyaaf wuduu'uma tokkootu gaha.
كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَتَوَضَّأُ عِنْدَ كُلِّ صَلَاةٍ، قُلْتُ: كَيْفَ كُنْتُمْ تَصْنَعُونَ؟ قَالَ: يُجْزِئُ أَحَدَنَا الْوُضُوءُ مَا لَمْ يُحْدِثْ.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- salaata waajibaa hundaaf wuduu’a godhachaa turan, wuduu'in isaanii osoo badullee baatee; sababni isaas mindaa fi tola argachuudhaaf jecha. Wuduu’a tokkoon salaata waajibaa tokkoo ol salaatuun ni danda'ama, hanga wuduu’a isaa hin diignetti.
...:
Irra baay'een hojii Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- salaata hundaaf wuduu’a godhachuudha; sababni isaas irra guutuu barbaaduf jecha.
Salaata hundaaf wuduu’a godhachuun jaalatama ta'uudha.
Wuduu’a tokkoon salaata tokkoo ol raawwachuun akka danda’amuudha.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 53) (214).
Dabalata (2)
شرح ابن بطّال (1/321).
إرشاد الساري لشرح صحيح البخاري (1/ 285).