Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

17 of 559 cards

Clear filters
«Sheyxaanni osoo inni rafu booda mataa isaa irratti hidhata sadii hidha. Halkan dheera qabdaa rafi jechuun hidhaa hunda irratti rukuta. Yoo inni dammaqee Rabbiin zakkare hidhaan tokko ni hiikama. Yoo wuduu’a raawwate hidhaan biraa ni hiikama. Yoo salaate hidhaan tokko ni hiikama, nama gaarii mirqaana qabu ta'ee isaaf bari'a, akkas ta’uu baannaan nama hamaa dadhabaa ta'ee isaaf bari'a».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Tokkoon keessan yeroo garaa isaa keessatti waan tokko shakke wanti sun irraa ba’uu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu yoo baate, hanga sagalee dhaga’u ykn hafuura wahii fuunfatutti akka masjiidaa hin baane".
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan, nan jedheen: Isin hoo akkam godhaa turtan? ni jedhe: Hanga wuduu'a hin balleesinetti tokkoo keenyaaf wuduu'uma tokkootu gaha.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
"Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii. salaanni ifa akka ji'aati, sadaqaan immoo ragaadha, obsi ifa akka aduuti, qur'aanni siif ragaadha yookaan sirratti ragaadha, hundi namaatuu ganamaan bobba'uun lubbuu isaa gurgura, isii bilisoomsa yookaan isii balleessa".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yeroo tokko tokko wuduu’a godhatan.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
"Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu, Namni hirriiba irraa dammaqe immoo bishaan itti wuduu'a godhatuu deemu keessa osoo isa hin galchine harka isaa haa dhiqatuu, sababni isaas harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha". Muslim akka gabaasetti: "Tokkoon keessan yeroo hirriiba irraa ka'e harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha hanga yeroo sadii isa dhiquutti harka isaa mi’a (meeshaa/qodaa) keessa akka hin galchine".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tokkoon keessan yeroo hirriiba isaa irraa ka'e, sheexaanni funyaan isaa keessa waan buluuf, funyaan isaa yeroo sadii bishaan itti ol fudhatee gadi haa deeffatu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan