Skip to content
Surah List /

النَّجم

النَّجم is chapter 53 of the Quran and has 62 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

62 Ayahs Surah No. 53
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلنَّجۡمِ إِذَا هَوَىٰ

Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’e (seene).

مَا ضَلَّ صَاحِبُكُمۡ وَمَا غَوَىٰ

Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres.

وَمَا يَنطِقُ عَنِ ٱلۡهَوَىٰٓ

Fedha lubbuu irraas hin haasa’u.

إِنۡ هُوَ إِلَّا وَحۡيٞ يُوحَىٰ

Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamu qofa.

عَلَّمَهُۥ شَدِيدُ ٱلۡقُوَىٰ

(Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise.