Skip to content
Surah List /

الطُّور

الطُّور is chapter 52 of the Quran and has 49 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

49 Ayahs Surah No. 52
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلطُّورِ

(Gaara) Xuuriin kakadhe.

Explanation & meanings · 1
  1. gaarri xuur kuni gaara Rabbiin nabi muusaa irratti dubbise.

وَكِتَٰبٖ مَّسۡطُورٖ

Kitaaba barreeffamaanis.

فِي رَقّٖ مَّنشُورٖ

Xalaayaa bal’ifamaa keessatti.

وَٱلۡبَيۡتِ ٱلۡمَعۡمُورِ

Mana jiraachifamaanis.

Explanation & meanings · 1
  1. inni mana samii keessatti tahe. malaaykaan isatti xawaafti.

وَٱلسَّقۡفِ ٱلۡمَرۡفُوعِ

Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis.

Explanation & meanings · 1
  1. kana jechuun samii duniyaati.