«Rabbiin garbichaaf dachii wohii keessatti du'uu isaaf yeroo murteesse gara isiitti dhimma wohii isaaf taasisa».
Maxar bin Ukaamis irraa akka odeeffametti- Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii ni jedhani:
«Rabbiin garbichaaf dachii wohii keessatti du'uu isaaf yeroo murteesse gara isiitti dhimma wohii isaaf taasisa».
«إِذَا قَضَى اللَّهُ لِعَبْدٍ أَنْ يَمُوتَ بِأَرْضٍ جَعَلَ لَهُ إِلَيْهَا حَاجَةً».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin garbichaaf yeroo dachii wohii kan inni isii keessa hin jirre keessatti akka du'u isaa murteesse; gara isiitti dhimma wohii isaaf taasisee jennaan gara isiitti dhufuun, lubbuun isaa isii keessatti fuudhamti.
...:
Hadiisichi dhugeessa jecha Rabbii ol ta'eeti: {Lubbuun kamuu dachii kam keessatti akka duutu hin beektu}.
Sunana Tarmizii (4/ 23) (2146).
Dabalata (1)
تحفة الأحوذي (6/ 299).