"Iimaanni qalbii tokkoo keessanii keessatti akka huccuun butute moofa'utti moofa'a, kanaafuu qalbii keessan keessatti akka iimaana haaromsu Rabbiin kadhaa".
Abdullaah ilma Amrii ilma Al-Aas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Iimaanni qalbii tokkoo keessanii keessatti akka huccuun butute moofa'utti moofa'a, kanaafuu qalbii keessan keessatti akka iimaana haaromsu Rabbiin kadhaa".
«إِنَّ الْإِيمَانَ لَيَخْلَقُ فِي جَوْفِ أَحَدِكُمْ كَمَا يَخْلَقُ الثَّوْبُ الْخَلِقُ، فَاسْأَلُوا اللَّهَ أَنْ يُجَدِّدَ الْإِيمَانَ فِي قُلُوبِكُمْ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka huccuun haaraa yeroo dheeraa fayyadamuu irrra kan ka'een moofa'uutti iimaanni qalbii muslimaa keessatti akka moofa'uu fi dadhabu himani. Sunis sababaa ibaadaa irraa dadhabuutiin, yookaan sababaa badiiwwan hojjachuu fi fedhii lubbuutiin liqimfamuutiini. Kanaafuu nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- iimaana keenya akka nuuf haaromsuuf Rabbiiin akka kadhannutti nu qajeelchani, sunis dirqamoota hojjachuu fi zikrii fi araarama kadhachuu heddummeessuun.
...:
Ragga'iinsa fi iimaana qalbii keessatti haaromsuu Rabbiin kadhachuutti kakaasuutu keessa jira.
Iimaanni jecha, hojii fi aqiidaa qalbiitti hidhatan, Iimaanni ajaja (Rabbii guutuun) ni dabala, badii hojjachuun immoo ni hir'ata.
Dabalata (7)
المستدرك على الصحيحين للحاكم (1/ 45) (5).
المعجم الكبير للطبراني (13/ 36) (84).
النهاية في غريب الحديث والأثر.
ص(282).
النهاية (1/316).
فيض القدير (2/323).
التنوير شرح الجامع الصغير (3/434).
Cited in books
2 BooksDabalata (2)
- الخطب المنبريةموسوعة الخطب المنبرية (القسم الأول)«إِنَّ الإِيمَانَ لَيَخْلُقُ فِي جَوْفِ أَحَدِكُمْ كَمَا يَخْلُقُ الثَّوْبُ؛ فَاسْأَلُوا اللَّهَ أَنْ يُجَدِّدَ الإِيمَانَ فِي قُلُوبِكُمْ»
- الخطب المنبريةموسوعة الخطب المنبرية (القسم الأول)«إِنَّ الإِيمَانَ لَيَخْلُقُ فِي جَوْفِ أَحَدِكُمْ كَمَا يَخْلُقُ الثَّوْبُ؛ فَاسْأَلُوا اللهَ أَنْ يُجَدِّدَ الإِيمَانَ فِي قُلُوبِكُمْ»