Skip to content
Surah List /

الكَهف

الكَهف is chapter 18 of the Quran and has 110 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

110 Ayahs Surah No. 18
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِيٓ أَنزَلَ عَلَىٰ عَبۡدِهِ ٱلۡكِتَٰبَ وَلَمۡ يَجۡعَل لَّهُۥ عِوَجَاۜ

Faaruun kan Rabbii gabricha Isaa irratti kitaaba buuseeti. kan isa keessatti daba hin godhiniiti.

قَيِّمٗا لِّيُنذِرَ بَأۡسٗا شَدِيدٗا مِّن لَّدُنۡهُ وَيُبَشِّرَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٱلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أَنَّ لَهُمۡ أَجۡرًا حَسَنٗا

Qajeelaa (godhee) akka adabbii cimaa Isa biraa ta’e ittiin sodaachisuuf, mu’uminoota gaggaarii hojjatan ‘mindaan bareedaan isaaniif jiraachuudhaan’ gammachiisuuf (buuse).

مَّٰكِثِينَ فِيهِ أَبَدٗا

Isa keessa yeroo hunda jiraatoodha.

وَيُنذِرَ ٱلَّذِينَ قَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ وَلَدٗا

Isaan “Rabbiin ilma qaba” jedhan sodaachisuuf (isa buuse).

مَّا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٖ وَلَا لِأٓبَآئِهِمۡۚ كَبُرَتۡ كَلِمَةٗ تَخۡرُجُ مِنۡ أَفۡوَٰهِهِمۡۚ إِن يَقُولُونَ إِلَّا كَذِبٗا

Isaaniifi abbootii isaaniitiifis isa irratti beekumsi hin jiru. Jechi afaan isaanii irraa baatu waa guddatte! Soba malee homaa hin haasa’anu.

Explanation & meanings · 1
  1. Wanti aayanni kun itti fedhe yeroo Rabbiin ilmoo qaba jedhanu beekumsas ta’ee ragaa homaatuu hin qabanu; yaaduma isaaniitiin dubbatan jechuudha.