Skip to content

"Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''.

Ibnu umar irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- dhugumaan inni namicha tokko kan akkas jedhu dhagahe: ka'abaadhaan kakadhe hin ta'u. ibnu Umaris ni jedhe: waan Rabbiin malee jiruun hin kakatamu, ani Rasuula Rabbiitii akkas jedhan dhagahe -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-:

"Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''.

«مَنْ حَلَفَ بِغَيْرِ اللهِ فَقَدْ كَفَرَ أَوْ أَشْرَكَ».

Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Namni waan Rabbiin, maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin ala jiruun kakate dhugaadhaan akka Rabbitti kafare yookaan shaarraksiise himan; kakuun waan isaan kakatame guddisuutti geessa, guddinni daangaa hin qabne kan Rabbii tokkichaa qofaati. Rabbii fi maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin malee hin kakatamu -Inni qulqullaa'e-. Kakaan kun shirkii xiqqaa irraayi; garuu yoo namni kakatu waan ittiin kakatu akka Rabbii ol ta'ee guddisutti yookaan isaa olitti guddisa ta'e; yeroo sana shirkii guddoo irraa ta'a.

Hiika jechchootaa

من حلف: الحلف: اليمين، وهي توكيد الحكم بذكر معظّم تطمئن له نفس المخاطب.

كفر أو أشرك: يحتمل أن يكون هذا شكًّا من الراوي، ويحتمل أن تكون "أو" بمعنى الواو فيكون كفر وأشرك.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Kakaan guddisuun haqa Rabbii qofa -inni qulqullaa'e ol ta'e- Rabbii fi maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin malee hin kakatamu.

Bololii sahaabonni toltuutti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu irratti qaban agarsiisa, keessattu badichi kufrii yookaan shirkitti kan rarra'u yoo ta'e.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Tarmizii (3/ 194) (1535).

Sunana Abbaa Daawuud (5/ 154- 155) (3251).

Musnada Ahmad (9/ 249) (5346).

(9/ 275) (5375).

(10/ 249) (6072).

(1/ 343).

Dabalata (11)

فتح المجيد شرح كتاب التوحيد.

لعبد الرحمن التميمي (ص413).

القول المفيد على كتاب التوحيد.

لابن عثيمين (2/ 214).

الملخص في شرح كتاب التوحيد.

لصالح الفوزان (ص326).

الجديد في شرح كتاب التوحيد.

لمحمد القرعاوي (ص365).

التمهيد لشرح كتاب التوحيد.

لصالح آل الشيخ (ص452).

فتاوى اللجنة الدائمة.