Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba".
Al-Baraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-:
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba".
عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنَّهُ قَالَ فِي الْأَنْصَارِ: «لَا يُحِبُّهُمْ إِلَّا مُؤْمِنٌ، وَلَا يُبْغِضُهُمْ إِلَّا مُنَافِقٌ، مَنْ أَحَبَّهُمْ أَحَبَّهُ اللهُ وَمَنْ أَبْغَضَهُمْ أَبْغَضَهُ اللهُ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Ansaara warra madiinaa irraa ta'an jaallachuun mallattoo guutummina iimaanaa ta'uudha himan; kun waan isaan Islaamummaa fi Nabiyyiif-nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- tumsuu keessatti nama hunda dursaniif jecha, akkasumas waan isaan muslimootaaf gaaddisa carraaqanii fi karaa Rabbii keessatti mqabeenya isaanitii fi lubbuu isaanii kennaniif jechaadha, akkasumas isaan jibbuun mallattoo munaafiqummaa akka ta’e himaniiru. Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nama warra Ansaaraa jaallate Rabbiin akka isa jaallatuu fi nama isaan jibbe immoo Rabbiin akka isa jibbu ibsan.
...:
Hadiisichi Ansaaraaf eddoon guddaan akka jiru ibsa, kanaafuu isaan jaallachuun mallattoo iimaanatii fi munaafiqummaa irraa bilisa ta'uuti.
Owliyoota Rabbii jaalachuu fi isaan deeggaruu sababaa gabrichi jaalala Rabbii keessa ittiin seenuudha.
Sadarkaa warri duraa Islaamummaa keessatti qabuudha.
Sahiiha Bukhaarii (5/ 32) (3783).
Sahiiha Muslim (1/ 85) (75).
Dabalata (9)
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (1/ 447).
تطريز رياض الصالحين.
لفيصل آل مبارك (ص257).
كنوز رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (6/ 258).
شرح النووي على مسلم (2/ 63).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
مجموعة من الباحثين (1/ 350).