Skip to content

«Yeroo sujuuda gootu harka keessoo (ganaa) kee lamaan lafa kaa'ii, ciqilee kee lamaan lafa irraa ol kaasi».

AlBaraa'i irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

«Yeroo sujuuda gootu harka keessoo (ganaa) kee lamaan lafa kaa'ii, ciqilee kee lamaan lafa irraa ol kaasi».

«إِذَا سَجَدْتَ، فَضَعْ كَفَّيْكَ وَارْفَعْ مِرْفَقَيْكَ».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata keessatti sujuuda godhan harki akkamitti ta’uu akka qabu ibsaniiru, sunis shanacha harkaa(ganaa) lamaan qubbeen walitti maxxantuu haala taateen gara kallattii qiblaatti garagalchanii lafa kaa’uuni, ciqileen lamaan akka lafa hin tuqne ol ka'oo fi chanaacha lamaan irraa kan fagaatan ta'u qaban.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Namni salaatu shanacha(ganaa) isaa lafa kaa’uun dirqama akka ta'eedha, ykn maxxansuu qaba, shanachi(ganaan) lamaan qaamota sujuudaa torban keessaa isa tokkoodha.

Dhundhuma lamaan lafa irraa ol kaasuun jaallatamaa ta’uu fi akka bineensi dhundhuma isaa lamaan afatuutti isaan lamaan lafa irratti afuun jibbamaa ta'uudha.

Ibaadaa irratti miqaana, jabeenya fi fedhii mul’isuun karaa ta'uudha.

Namni salaatu tokko humnoolee sujuudaa hunda irratti yeroo hirkate, hundi humnaatuu ibaadaa irraa haqa isaa ni fudhata.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (1/ 356) (494).

Dabalata (6)

سبل السلام شرح بلوغ المرام.

لمحمد الصنعاني (1/ 273).

توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.

لعبد الله البسام (2/ 235).

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

لعبد الله البسام (ص162).