Skip to content

“Yeroo Azaana dhageessan, fakkaatuma lallabaan jedhu jedhaa”.

Abuu Sa’iid Al-khudrii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaalatu- Ergamaan Rabbii -nagayaa fi rahmanni Rabbiin irra haa jiraatu- akkana jedhan:

“Yeroo Azaana dhageessan, fakkaatuma lallabaan jedhu jedhaa”.

«إِذَا سَمِعْتُمُ النِّدَاءَ، فَقُولُوا مِثْلَ مَا يَقُولُ المُؤَذِّنُ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo lallabaa azaanaa dhagahanitti jecha jechaan fakkaataa inni jedhu jedhutti kakaasan, Yeroo inni Allaahu Akbar jedhu nutis isa booda Allaahu Akbar jenna, yeroo inni shahaadaa lameen jedhu nutis isa booda isaan lameen jenna, Yeroo (Hayya Alassalaah, hayya Alal Falaah) jedhamu malee, yemmuu kana "Laa hawla walaa Quwwata illaa billaah" jedhama.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Eega kan jalqabaa xumuree mu'azzina isa lammaffaa waan inni jedhu jechuun isa hordofa, yoo mu'azzinoonni hedduu ta'anillee; Hadiisni hunda waan hammatuuf jecha.

Yeroo mana fincaanii ykn dhimma dhuunfaa isaa irra jiraate malee, yeroo hunda waan mu'azzinni jedhu jechuun isa irratti dirqama ta'a.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 126) (611).

Sahiiha Muslim (1/ 288) (383).

Dabalata (4)

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

للبسام (ص120).

الإلمام بشرح عمدة الأحكام.

لإسماعيل الأنصاري (1/ 98).