Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaaniitii ba'anutti akkana jedhu ture: «Ghufraanaka» jechuunis: ararama keen barbaada, jechuudha.
Aa'ishaa haadha mu'umintootaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu-
Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaaniitii ba'anutti akkana jedhu ture: «Ghufraanaka» jechuunis: ararama keen barbaada, jechuudha.
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَانَ إِذَا خَرَجَ مِنَ الغَائِطِ قَالَ: «غُفْرَانَكَ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo dhimma isaanii ba'atanii mana fincaaniitii ba'anutti akkana jedhu ture: (ghufraanaka), yaa Rabbii! araarama keen barbaada, jechuudha.
Booda mana fincaaniitii ba'anii "ghufraanaka" jechuun jaallatamaa ta'uu isaa.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala isaanii hunda keessatti istighfaara gochuu isaaniiti.
Sababaan booda mana fincaaniitii ba'anii araarama barbaaduu: hirdhina tola Rabbii hedduu galatoomfachuu keessatti jiruufi, tola sana keessaa wanti rakkina nama irraan ga'u ba'uu isaati, akkasuma yeroon mana fincaanii turetti zikrii kee irraa waanan qabameef araarama keen barbaada.
Sunana Abbaa Daawuud (1/ 24) (30).
Sunana Tarmizii (1/ 57) (7).
Sunana Ibnu Maajaa (1/ 200) (300).
Musnada Ahmad (42/ 124) (25220).
Dabalata (4)
توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.
لعبد الله البسام (1/ 351).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (1/ 397).