Skip to content

yaa ergamaa Rabbii, haati Sa'ad ni duute, sadaqaa kamtu irra caalaadha?, isaanis ni jedhani: «Bishaani», ni jedhe (gabaasaan hadiisachaa): (sa'ad) eela qotee, kun kan haadha sa'adi jedhe.

Sa'ad ibnu Ubaadaa irraa akka odeeffametti- Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:

yaa ergamaa Rabbii, haati Sa'ad ni duute, sadaqaa kamtu irra caalaadha?, isaanis ni jedhani: «Bishaani», ni jedhe (gabaasaan hadiisachaa): (sa'ad) eela qotee, kun kan haadha sa'adi jedhe.

يَا رَسُولَ اللَّهِ، إِنَّ أُمَّ سَعْدٍ مَاتَتْ، فَأَيُّ الصَّدَقَةِ أَفْضَلُ؟، قَالَ: «الْمَاءُ»، قَالَ: فَحَفَرَ بِئْرًا، وَقَالَ: هَذِهِ لِأُمِّ سَعْدٍ.

Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ibnu maajaatu gabaasan
Hasani walitti qabama karaaleen isaatiin
Ibsa

Haati Sa'ad ibnu Ubaadaa -Rabbi isii irraa haa jaallatu- duutee jennaan ilmi isii sa'ad haadha isaa irraa saddaquuf jedhee irra caaltuu sadaqaa irraa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? isaanis- Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra caalaan sadaqaa bishaani jedhaniin, innis eela qotuun haadha isaatiif sadaqaa taasise.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

bishaan irra caalaa sadaqaa ta'uu ibsuutu keessa jira.

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sa'adiin bishaan saddaquutti isa qajeelchani; waan bishaan dhimma diinii fi duuniyaa keessatti bu'aan isaa hunda galeessa ta'eefi, akkasumas ho'i jabaachuu, haajaan guddaan jirachuu fi bishaan xiqqaachuu isaatiifi.

mindaan sadaqaa warra du'aniif akka qaqqabu akeekuu.

Haadha isaatti tola ooluu Sa'ad ibnu Ubaadaati, Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (3/ 109) (1681).

Sunana Nasaa'ii (6/ 254) (3664).

Sunana Ibnu Maajaa (4/ 643) (3684).

Dabalata (1)

شرح سنن أبي داود للعباد (204/ 19).