“Dhugumatti Rabbiin ni hinaafa, muuminnis ni hinaafa, hinaaffaan Rabbii immoo muuminni waan Rabbiin isa irratti haraama godhe hojjachuudha”.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
“Dhugumatti Rabbiin ni hinaafa, muuminnis ni hinaafa, hinaaffaan Rabbii immoo muuminni waan Rabbiin isa irratti haraama godhe hojjachuudha”.
«إِنَّ اللهَ يَغَارُ، وَإِنَّ الْمُؤْمِنَ يَغَارُ، وَغَيْرَةُ اللهِ أَنْ يَأْتِيَ الْمُؤْمِنُ مَا حَرَّمَ عَلَيْهِ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkuma muumanni hinaafee jibbu, Rabbiinis hinaafee jibba, sababni hinaaffaa Rabbii ammoo muuminni gocha safuu hin qabne (haraama) kan akka saalqunnamtii haraamaa, dhiirti dhiira qunnamuu, hannaa, dhugaatii alkoolii dhuguu fi badii biroo raawwachuu akka ta'e himan.
Dhoorgaan Isaa yeroo sarbametti dallansuu Rabbiitii fi adabbii Isaa irraa of eeggachuun barbaachisaa akka ta'eedha.
Sahiiha Bukhaarii (7/ 35) (5223).
Sahiiha Muslim (4/ 2114) (2761).
Dabalata (8)
تطريز رياض الصالحين.
لفيصل المبارك (ص62).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (1/ 496).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (1/ 96).
صفات الله عز وجل الواردة في الكتاب والسنة.
لعلوي السَّقَّاف (ص267).