«Tokkoon keessan uffata tokko uffatee, ceekuu isaa lamaan irratti osoo homaa hin uffatin hin salaatin».
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Tokkoon keessan uffata tokko uffatee, ceekuu isaa lamaan irratti osoo homaa hin uffatin hin salaatin».
«لاَ يُصَلِّي أَحَدُكُمْ فِي الثَّوْبِ الوَاحِدِ لَيْسَ عَلَى عَاتِقَيْهِ شَيْءٌ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni tokko osoo ceekuu isaa lamaan irra waan isa dhoksu hin kaayin uffata tokko keessatti akka hin salaanne dhoorgan; sababni isaas ceekuun lamaan qaama dhokatuu qabu (awraa) yoo ta’uu baatanillee isaan haguuguun barbaachisaa waan ta'eef jecha. kun yeroo Rabbii ol ta'e dura dhaabbatanii salaatan, isa kabajuu fi ulfina kennuufitti dhihaata.
Uffata tokko uffachuun waan haguugamuu qabu kan haguugee yoo ta’e salaatuun ni hayyamamaadha.
Uffata lama uffachuun salaatuun ni danda’ama, tokkoon isaanii qaama gara gubbaa kan haguugu yoo ta'u, inni kaan immoo jala kan haguuguudha.
Namni salaatu haala gaarii irra jiraachuun isaa ni jaallatamaadha.
Salaata keessatti hanga danda'ameen ceekuu lamaan ykn tokkoo isaan lamaanii dhoksuun dirqama ta'uudha, dhoorgaan kun qulqullummaafi jedhameera.
Sahaabonni, Rabbiin irraa haa jaallatu, qabeenya xiqqoo akka qabaniidha, hanga gariin isaanii uffata lama horachuu hin dandeenyetti.
Nawawiin hiika hadiisa kanaa ilaalchisee akkas jedhe: Ogummaan hadiisaa kanaa yeroo uffata isaa tokko marxifatee ceekuu isaa irra homaa hin kaayin awraan isaa(qaamni dhuunfaa isaa) mul'achuun mala, kun faallaa yeroo garii isaa ceekuu isaa irra godheeti, Akkasumas harka isaa tokkoon ykn harka isaa lamaanin isa qabachuutti haajama, sanaan shaaghalamee, sunnaan harka mirgaa bitaa irra kaa'ee qoma irra kaa'uu dhaba, bakka harka ol kaasuun itti karaa ta'ettis ol kaasuu fi kan biroos isaaf mijjachuu dhabu danda'a, sababni isaas isa keessatti qaama gubbaa fi bakka faayaa haguuggachuu dhiisuun waan jiruuf jecha, Rabbiin ol ta'e dhugumatti akkan jedhe: {Masjida hunda birattuu bareechifannaa (uffata) keessan qabadhaa} [Al-A’araaf: 31].
Sahiiha Bukhaarii (1/ 81) (359).
Sahiiha Muslim (1/ 368) (516).
Dabalata (10)
سبل السلام.
لمحمد الصنعاني (1/ 198).
توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.
لعبد الله البسام (2/ 8).
فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.
لابن عثيمين (1/ 501).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (2/ 330).
تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.
لعبد الله البسام (ص203).