Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo lama lama wuduu’a godhatan.
Abdullaah bin Zeydii irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaalatu:
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo lama lama wuduu’a godhatan.
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ تَوَضَّأَ مَرَّتَيْنِ مَرَّتَيْنِ.
Yeroo tokko tokko Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wuduu’a yeroo godhatan qaama wuduu’aa hunda yeroo lama lama kan dhiqatan ta'an, fuula ni dhiqatan -isuma irraayi lulluuqqachuu fi bishaan funyaan keessa ol galchanii gadi deebisuun- akkasumas harka lamaani fi miila lamaan yeroo lama lama ni dhiqatan.
...:
Qaamolee wuduu'aa dhiqachuu keessatti dirqamni yeroo tokko tokko qofa, wanni sana irratti dabalame jaalatamaadha.
Yeroo garii wuduu’a yeroo lama lama godhachuun ni danda'amaadha.
Mataa haxaa'uu keessatti inni hayyamamu yeroo tokko qofa.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 43) (158).
Dabalata (1)
إرشاد الساري لشرح صحيح البخاري (1/ 244).